Ane Dima City Life Church

Ane Dima City Life Church Nuyi Kristoos isa fannifame ni lallabna! 1Qor 1:23
https://www.youtube.com/

11/09/2023
Sagantaa eebba daa'immanii guyyaa har'aa
27/08/2023

Sagantaa eebba daa'immanii guyyaa har'aa

27/08/2023

Preaching

✝️Ilaa ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti, dhala godhachuunis bu'aa inni namaaf kennuu dha.✝️📖Macaafa Faarfannaa 127:3Akkam j...
20/08/2023

✝️Ilaa ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti, dhala godhachuunis bu'aa inni namaaf kennuu dha.✝️
📖Macaafa Faarfannaa 127:3
Akkam jirtu kabajamtoota maatii Waaqayyoo?!
Maatii waatiin, alaa manni keessan nagaadhaa? Maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu jechaa, Waldaan keenya Waldaan Sitii Laayifii Aannee Diimaa, daa'imootaaf waggaatti yeroo kana ayyaaneffannaa gaggeessaa kan turte yoo ta'u, bara kanas gaafa guyyaa Hagayya 21/2015 E.C ykn August 27/ 2023 G.C tti bifa hoo'aa ta'eefi qophii addaatiin geggeeffachuuf waan jirruuf namootni irratti hirmaachuu dandeessan daa'ima keessan qabattanii akka irratti argamtan yeroo isin beeksifnu gammachuu guddaadhaani. Namootni fageenya irra jirtanis yoo waaqayyo jedhe online kan hordoftan ta'a. Ufaadhaa, Waaqayyo yeroo keessan haa eebbisu!

Lallaba karaa Paaster Tolaa✝️✝️✝️Deebi'ee dhufuu gooftaa Iyyesuus✝️  isaatiif milikkiti maaliidha?➡️1. Walirratti ka'uu📖...
13/08/2023

Lallaba karaa Paaster Tolaa
✝️✝️✝️Deebi'ee dhufuu gooftaa Iyyesuus✝️

isaatiif milikkiti maaliidha?
➡️1. Walirratti ka'uu
📖Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti in ka'a;
beelli, socho'i lafaas iddoo adda addaatti in ta'a.
Wangeela Maatewos 24:7
➡️2. Kiristoos sobaa ka'uu
➡️3. Namootni sassatoo ta'uu
📖Guyyoota gara dhumaatti yeroon sodaachisaan akka dhufu hubadhu!
Namoonni warra ofittoo, sassatoota, of-jajoo, afuufamoo, arrabsituuwwan, warra abboota isaanii fi haadhota isaaniif hin abboomamne, galata hin qabnee, warra wanta qulqullaa'aadhaan morman in ta'u.
2Ximotewos 3:1-2
➡️4.Lolaafi oduu lolaa dhagahuu
➡️5. Mallattooleen bara Nohi mullachuu
📖“Bara Nohitti akkuma ta'ee ture, bara ilma namaattis akkasuma in ta'a.
Namoonni hamma guyyaa Nohi markabatti galetti, bishaan badiisaas dhufee hunduma isaanii balleessetti, nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turan.
Bara Looxis akkuma kana ta'ee ture, namoonni nyaachaa, dhugaa, bitaa, gurguraa, biqiltuu dhaabaa, mana ijaaraa turan.
Guyyaa Loox Sodoomii ba'etti garuu, ibiddii fi dhagaan boba'u waaqa irraa isaanitti roobee hunduma isaanii fixe.
Guyyaa itti ilmi namaa mul'atuttis akkasuma in ta'a.
Wangeela Luqaas 17:26-30
➡️6. Beekumsi baayyachuu
📖Ati garuu Daani'el, hamma bara isa dhumaa sanatti dubbicha cufii, macaafichattis mallattoo godhii kaa'i! Baay'een isa bira ga'uudhaaf in dhama'u, beekumsis baay'achuuf jira” jedhe.
Macaafa Daani'el Raajichaa 12:4
➡️7. Uumama irratti mallattolee ta'an.
📖socho'i lafaa gurguddaan beellii fi dha'ichis biyya hundumaatti in ta'a,
wanti rom'isiisaanii fi milikkinni gurguddaanis waaqa irraa in mul'ata.
Wangeela Luqaas 21:11
# #✝️Gooftaan Iyyesuus akkamitti deebi'ee dhufa?
⏸⏸Akkamitti deebi'ee dhufaa?❓
✝️1. Qaama haaraa uffatee
📖Yommus ilmi namaa humnaa fi ulfina guddaadhaan duumessa keessa utuu dhufuu in argu.
Wangeela Luqaas 21:27
✝️2. Ulfina guddaadhaan.
📖Ammas yaa abbaa, ulfina isa utuu biyyi lafaa hin uumamin ani si biratti qaba tureen, ofii kee biratti ulfina anaaf kenni!
Wangeela Yohannis 17:5
✝️3.Malakatni guddaan afuufamee
📖Sagaleen guddisee nama abboomu,
sagaleen angafa ergamootaa in dhaga'ama,
malakanni Waaqayyoos in afuufama.
Kana hundumaa wajjin gooftaan waaqa irraa gad in bu'a; warri Kristositti amananii du'an dura in kaafamu.
1Tasaloniiqee 4:16
✝️4.Mootii moototaa ta'ee dhufa.
📖Yesus ammoo, “Ilmi namaa ulfina isaatiin, ergamoonni Waaqayyoos hundinuu isaa wajjin in dhufu;
yommus inni teessoo ulfina isaatii irra in taa'a.
Wangeela Maatewos 25:31
📖Kana booddee ani ergamoota baay'ee teessichatti, uumama lubbuu qaban sanatti, maanguddoota sanattis naanna'an nan arge; lakkoobsi isaaniis kumaatama, kuma kumaatamaas ture; sagalee isaaniis nan dhaga'e.
Mul'ata Yohannis 5:11
✝️5.Akka hattuutti/akka tasaa dhufa
📖Sagaleen tokkos, “Kunoo, ani akka hattuun dhuftutti nan dhufa,
namni dammaqu, namni qullaa isaa adeemee saalli isaa bakkeetti akka hin mul'annetti,
uffata isaa eeggatu haa gammadu!” jedhe.
Mul'ata Yohannis 16:15
📖Guyyaan gooftaa akka hattuun halkan dhuftutti akka dhufu isin iyyuu ba'eessa gootanii in beektu.
1Tasalonqee 5:2

⏯🔜
Yoo waaqayyo nu gargaare torbees barumsa kana itti fufna.

23/07/2023

✝️✝️✝️✝️Lallaba karaa Yaadataa✝️✝️✝️
"Iddoo Waaqayyo siif kennee itti si beeku jiraadhu"
📖👉Yommus Waaqayyo gooftaan biyya gara ba'a-biiftuu keessaa Eedenitti iddoo dhaabaa tokko in dhaabe;
▶️ nama isa tolche sanas achi keessa in kaa'e. Waaqayyo gooftaan mukkeetii ija namaa hawwatan garaa garaa,
🍏🍎🍌🍉🍓🍒🍑🍍🌽🌶🍆🍅🥑🥦🥒🥕🥥🥝
iji isaaniis nyaataaf ba'eessa ta'an lafa keessaa in biqilche;
⏭ mukti ija isaa nyaatanii jireenya namaaf kennu,
⏭ mukti hamaa fi gaarii ittiin beekanis iddoo dhaabaa sana walakkaa turan.
📖Seera Uumamaa 2:8-9
❓❓Maaltu Nama iddoo waaqayyo isa kaa'ee isa deemsisa?
➡️1. Biyya lafaa
⏩2. Foon
👉Hojiin foonii mul'ataa dha.
Isaanis👇
✍️ halalummaa,
✍️xuraa'ummaa,
✍️jireenya gad-dhiisii,
📖Galaatiyaa 5:19
Godoon jireenya keenyaa, [kana jechuunis dhagni keenya,] lafa kana irraa yoo jige,
ijaarsa harki namaa hin ijaarin, mana bara baraan bantii waaqaa keessa jiraatu, Waaqayyo biraa akka qabnu in beekna.
📖Qorontos Isa Lammaffaa 5:1
⏩3. Seexana
👉Seexanni:
🗝ajjeesaadha
👉“Isin kan abbaa isa tokkoo, kan Seexanaa ti; kajeellaa hamaa isa kan abbaa keessaniis gochuu in feetu. Jalqabumaa jalqabee inni sun nama ajjeesaa ture; dhugaan isa keessa waan hin jirreef, inni dhugaa irra hin dhaabanne. Inni sobaa dha, abbaa sobaa tis; kanaaf yommuu sobu isa garaa isaa keessa jiru in dubbata.
📖Wangeela Yohannis 8:44
🗝Abbaa sobaati
🗝goyyomsaadha
🗝hattuudha
👉Hattuun, waan biraaf utuu hin ta'in, hatuudhaaf, qaluudhaaf, balleessuudhaafis in dhufti; ani garuu hoolonni jireenya haa qabaataniif, irraa hafaas haa qabaataniif dhufeera” jedhe.
📖Wangeela Yohannis 10:10
👉👉Seexanni maal hata?
↘️1. Jireenya/qalbii namaa
↘️2. Qabeenya namaa
📖 luqaas 16:1-

22/07/2023

Dhuga-baatuu sadiitu jira.
⤵️ Isaan kunis
1. hafuuricha,✔️
2. bishaanicha, ✔️
3. dhiigicha, ✔️
👉sadanuus sagalee tokkoon dhugaa ba'u.
Isa namoonni dhugaa ba'an kan fudhannu erga taanee, inni Waaqayyo dhugaa ba'u immoo in caala.
☑️Dhugaan Waaqayyoos isa inni ilma isaatiif dhugaa ba'ee dha.
🛐Namni ilma Waaqayyootti amanu, dhugaa kana of keessaa qaba;
▶namni Waaqayyoon hin amanne garuu, isa Waaqayyo ilma isaatiif dhugaa ba'e waan amanuu dhiiseef, Waaqayyoon sobduu gochuu isaa ti.
❤Waaqayyo jireenya bara baraa nuuf kenne; egaa dhugaan isaa isa kana; jireenyi bara baraa kunis ilma isaa keessatti argama.
👉Namni ilma Waaqayyoo qabaatu jireenyicha qaba;
👉namni ilma Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha hin qabu,
👉 Isin warri maqaa ilma Waaqayyootti amantan, jireenya bara baraa qabaachuu keessan akka beektaniifan kana hundumaa isiniif caafe.
✝️Ilmi Waaqayyoo dhufee isa dhugaa sana baruudhaaf, hubannaa akka nuuf kenne nuyi in beekna.
👉Nuyi isa dhugaa sana keessa, ilma isaa Yesus Kristos keessas in jiraanna;
❤Waaqayyo inni dhugaan, jireenyi bara baraas isa kana.
📖1Yohannis 5:7-13, 20
🔗Ane Dima City Life Church

📖 Fak. 6¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¹⁶ ✝️ Waaqayyo wanta ja'a in jibba, 👆isa torbaffaa immoo in ciigga'a;¹⁷ isaanis kanatti fufanii jiru, ...
17/07/2023

📖 Fak. 6
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁶ ✝️ Waaqayyo wanta ja'a in jibba,
👆isa torbaffaa immoo in ciigga'a;
¹⁷ isaanis kanatti fufanii jiru, 👇
👉😎nama waan guddaatti of ilaalu,
👉 👅arraba sobu,
👉🗡harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu,
👉🧠garaa akeeka hamaa yaadee qopheessu,
👉 🏃‍♂️miilla waan hamaa gochuuf ariifatee fiigu,
👉🗣nama sobaan nama irratti dhugaa ba'u,
👉🤤isa soba gad jijjigsu,
👉💔nama gargar ba'uu obboloota gidduutti facaasuu dha.💉

16/07/2023

🙏🙏🙏🙏🙏🙏Lallaba saatii booda🙏🙏🙏
Karaa L/w Yaadataa Yemaanee
1Sam. 10
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
²⁰ Yommus Saamu'el gosa Israa'el hundumaa walitti qabee dhi'eessinaan, isaan keessaa gosi Beniyaamin in fudhatame.
²¹ Gosa Beniyaamin immoo akka qomoo qomoo isaaniitti dhi'eessinaan, qomoon Maxriis in fo'ame; qomoo Maxriis keessaa immoo Saa'ol ilmi Qiish in fudhatame; Saa'olin garuu barbaadanii isa arguu dhaban.
²² Yommus, "Namichi amma iyyuu as hin dhufne moo?" jedhanii Waaqayyoon in gaafatan; Waaqayyos deebiseefii, "Kunoo, inni mi'a gidduu dhokatee jira" jedhe.
²³ Isaanis fiigichaan dhaqanii achii isa in fidan; innis dhufee jara gidduu yommuu dhaabate, gatiittii isaatii olitti nama hundumaa caalaa dheeratee in mul'ate.
²⁴ Saamu'el yeroo sanatti jara hundumaan, "Nama Waaqayyo fo'e kana argituu? Saba kana hundumaa keessa kan akka isaatii hin jiru!" jedhe; jarris gammachuudhaan wacanii, "Mootichi bara baraan haa jiraatu!" jedhan.
Mata dureen
Mullachuukeetu eegamaa jiraa waan ittiin mullattu qabaadhu
👂👂👂👂👂👂👂👂👂👂👂👂👂👂👂👂👂
👉Sagalee kana irratti Saa'ol nama barbaadamaadha; garuu lakk. 22 irratti mi'a ta'e wayii isa dhoksuu dubbata. Garuu Saa'ol sanyii waaqayyo barbaaduudha. Hata'u malee mi'a gidduu dhokate.
Lakk 24 irratti bakka dhokatee mullachuu isaa argina.
👉Sababii Saa'oliif maatiin isaafi hojjetootni manasaa yaadatamaniiru.
👇2Sam. 9
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Gaaf tokko Daawit, "Maatii Saa'ol keessaa namni hafe jiraa ree? Namni hafe jira yoo ta'e, ani Yonaataaniif jedhee gaarummaa isatti argisiisuu nan barbaada" jedhee in gaafate.
² Maatii Saa'ol keessaa hojjetaan "Ziibaa" jedhamu tokko ture; namoonnis akka inni gara Daawit dhaquuf isa in waaman; mootichi immoo, "Ati Ziibaa dhaa?" jedhee isa in gaafate; innis, "Eyyee, ani Ziibaa garbicha kee ti" jedhee deebiseef.

¹¹ Ziibaan mootichaan, "Waanuma gooftaan koo mootichi ana garbicha isaa abboome hundumaa nan hojjedha" jedheen; Mefii-Bosheet immoo akkuma ilmaan mootii keessaa isa tokkootti maaddii Daawit mootichaa irraa in nyaate.

Lallaba guyyaa har'aaKaraa H/Wangeelaa Tasfaa KabbadaaEfe. 5¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¹⁵ Egaa attamitti akka deddeebitan haleelaa ilaall...
16/07/2023

Lallaba guyyaa har'aa
Karaa H/Wangeelaa Tasfaa Kabbadaa
Efe. 5
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁵ Egaa attamitti akka deddeebitan haleelaa ilaalladhaa! Akka warra ogeessotaatti malee, akka warra ogeessota hin ta'iniitti hin jiraatinaa!
¹⁶ Guyyoonni kun guyyoota gadhee waan ta'aniif, yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjedhaa!
¹⁷ Kanaaf jaalalli gooftaa maal akka ta'e hubadhaa malee, wallaalota hin ta'inaa!
¹⁸ Dhugaatiidhaan machooftanii of hin wallaalinaa, isaanis of hin balleessinaa! Qooda kanaa hafuura qulqulluudhaan guutamaa!
¹⁹ Qooqa garaa garaatiin, faarfannaa galataatiin, weedduu hafuuraatiinis wal harkaa fuudhaa! Garaa keessan keessatti faarfachaa galata gooftaa dhageessisaa!
²⁰ Yeroo hundumaa waan hundumaafuu maqaa gooftaa keenya Yesus Kristosiin Waaqayyo abbaadhaaf galata galchaa.
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
Qabxii ijoo
👉Guyyoota gadhee keessaa gara gaariitti maaliin tarkaanfanna?
;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;;
🙏1. Amantiitti jabaachuudhaan.
👉 Efe 6:16
(“Kana hundumaa irrattis amantii akka gaachanaatti fudhadhaa! Isaan xiyya isa hamaa sanaa warra boba'aa adeeman dhaamsuu in dandeessu.”)
🙏2. Hundee keenya Kristoosirratti gadi fageeffachuudhaan.
👉Luq*6:48
(“Inni nama boolla gad fageessee qotee, hundee mana isaa dhagaa irra dhaabee ijaarrate fakkaata. Bishaanis guutee manii isaa irra danbali'ee, manichattis bu'e; garuu isa sochoosuu hin dandeenye, hundeen isaa jabaatee ijaarameera.”)
🙏3. Ogummaafi hubannaa qabaachuudhaan
👉1Mot: 3:1,10,16
1Mot. 3
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
(¹ Solomoon mootichi intala mootii Gibxii fuudhuudhaan walitti michoomuu isaanii mul'isuudhaaf kakaadhaan waliif in galan; Solomoon intala mootii Gibxii fuudhee, hamma mana mootummaa isaa, mana qulqullummaaf dallaa Yerusaalem naannessee ijaaree fixutti mandara Daawititti ishee in galfate.…
¹⁰ Solomoon mootichi kana kadhachuun isaa Waaqayyoon in gammachiise.)
🙏4.Jireenya dhugaa jiraachuudhaan
👉Efe 6:14
(“Egaa akka nama sabbataan hidbatuutti dhugaadhaan mudhii keessan jabeeffadhaa, qajeelummaas akka maddaa sibiilaatti uffadhaatii dhaabadhaa!”)
🙏5. Jireenya qajeelummaa/qulqullummaa jiraachuudhaan.
👉Efe 6:14
🙏6.Waaqayyoon kadhachuudhaan.
👉Efe 6:18
(“Kadhataa fi himata keessan hundumaa keessatti yeroo hundumaa hafuuraan geggeeffamaatii kadhadhaa! Egaa kadhachuutti dammaqaa, obsaanis itti jabaadhaa, warra Waaqayyoof qulqullaa'an hundumaafis kadhadhaa!”)
🙏7. Hojii waaqayyoo hojjechuudhaan.
👉Efe 6:19-20
(¹⁹ Ani immoo dhoksaa wangeelaa ija jabinaan beeksisuudhaaf yommuun afaan saaqqadhu, dubbiin akka anaaf kennamutti, anaaf kadhadhaa!
²⁰ Akka dubbachuun anaaf ta'utti ija jabinaan akkan dubbadhuuf anaaf kadhadhaa! Ani funyoo sibiilaatiin lafan hidhametti iyyuu wangeela isaa lallabuudhaaf Kristosiif afaan ta'ee ergameen jira.)

Address

Anne Dima, Burayyu, Oromia
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ane Dima City Life Church posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share