26/03/2023
Torban (6) Jahaffaa
TAJAAJILAA AMANAMAA
Faaruu Yaareed“Waan gaarii gooftaasaaf hojjechuun tajaajilaa eebbifamaa fi amanamaan eenyu, Kan qabu hundarratti kan muudu dabalees Waaqayyo arjaaf xinnumallee amanamee gara gammachuu gooftaa kee kan jedhu, Akka tajaajilaa gaarramii, akka tajaajiltoota kiristoos amanamaa ta’aa,..." kan jedhu irra kan fudhatameedha.
🌾Baruumsa
✍Baruumsi torbe kana walumaa galati waa'ee tajaajilaa amanamaa irratti kan hunda'udha. Guyyaa kanatti gooftaan duuka bu’oota ykn tajaajiltoota isaaf kennaa tajaajilaa amanamaa (Gebreheer jedhee) kan itti dhugaa bahuufidha. Kanaafis torbee kun Tajaajilaa Amanamaa (Gebreheer) jedhamuun mana amantaa keenyaa keessatti kan waamamu. Gooftaan keenyaas guyyaa kana ofiisa abbaa qabeenya kan ta'ee fakkeenyaan, hojjeetota sadiif meetii kennenu waa'ee tajaajila amanamaa barsiisee jira.Meetii isaaniif kenname kunis kennaa namootaaf kennameen kan wal fakkeeffamudha. Isaan keessaas:-
👉Inni tokkoffaa fi inni lamaffaan hojjetanii argachuu agarsiisu, gooftaa isaaniif amanamoo, waan isaan qunnamu sodaatanii hojii isaanii warra hin dhiisne dha. Lamaan isaaniyyuu adaraa isaanitti kenname bahuu isaanirra iyyuu bu’aa harka lama buusaniiru. Kanaaf jara kana lamaan irraa wanti nu hubannu akka kennaa nuuf kennametti Waaqayyo tajaajiluu akka qabnu dha. Bakka inni nu filatetti taanee argamudha. Kan kenname lakkaa’uu miti, isuma nu kenname hojjechuu qabna. Jarri kun lamaan hordoftoota Waaqayyoo jaalalaa fi amantiin mana amantaa ykn mana Waaqayyootti tajaajilan bakka bu’u.
👉Inni sadaffaan kan isaaf kenname,natti baay’ate yookan natti xinnaate jechuu dhabuu isaati. Namichi kun hojii hojjechuurra, yeroo hojii hojjetu rakkoo isa mudachuu danda’u yaadee, sodaatee nama abdii kutatedha. Akka hiriyoota isaa hojjetee badhaasa argachuu dhiisaati, kanuma itti kenname iyyuu amanee of bira hin keenye. Kanaaf homaa hin hojjenne. Kiisi isaallee amanuu dadhabee waan isaaf kenname awwaalee kaa’e, nama amanuu fi amanuu baachuu gidduutti argamudha. Yommuu gooftaa isaa fulduratti dhiyaates waan gaarii hin
dubbanne. “ yaa gooftaa, ati namaa gara jabeessa iddoo itti hin facaasinii galfattu,iddoo itti hin bittimsnii walitti qabattu, ta’uu kee ani beeka. Kanaafan si sodaadhee dhaqee meetii kee awwaale; horiin kee kunoo ti”
✍Har’as kennaa Waaqaa baatanii kan waan meeqa kan hasa’an xinnoo miti. Yoon barsiise shakkitootni na mormanii na moo’uu laata? Dhugaa beeku osoon lallabee nan hidhama, nan reebamaa laata? Cubbamootni osoon dhugaa dubbadhee na ajjeesuu laata? Maaliif callisee taa’e mindaa koo hin nyaadhu? jedhanii tola kan jiraatan har’allee hin dhabaman. Inni hundumarra xinnoon kennameef isuma hojjetee deebisuullee hin dandeenye. Osoo hundumaarra guddaa fudhateera taa’ee hoo? Namichi inni lammaffaan isa isa tokkoffaa irratti, inni sadaffaan immoo isa lammaffaa irratti inaafuun isaanirra hin jiraatu.
✍Yaa uummata kiristaanaa, Kennaan hunda keenyaaf kennamee jira. Garuu hangam keenyatu kennaa nuuf kenname sana beeka laata? Yoo qabaatte ittiin tajaajilaa jirta moo? Yookaan akka namicha sadaffa atis boolla qottee awwalteetta ta’a?gaaffileen kun nama hin ilaallanne hin qabu. Deebiin isaas deebisuun nurra jiraata hanga kiristaana taanee jireenya bara baraa abdiin eeggannutti. Kiristaana taane namni kennaa hin qabne tokkollee hin jiru, jiraachuus hin danda’u. Namni tokko barsiisuu, faarsuu, luuba ta’ee tajaajiluu, phaaphaasii ta’ee
uummata gooftaa isaa tiksuu ta’a. kennaan kana qofa miti, hunduu ogummaa qabuun, qabeenya qabuun, humna qabuun amantaa keenyaa haa deeggaruu.
✍Wangeelli guyyaa kana dubbifamus wangeela Maat 25: 14 -30 kan jirudha.
🌾Faarfanna Daawwit(Misbaakii)
“Yaa Waaqayyoo ko, fedha kee gochuun natti tola, seerri kees garaa (laphee) koo keessa jira. Ani waldaa guddicha keessatti, waa’ee dhugaa argatanii furamu misrachoo himeera, yaa Waaqayyo, akkuma beektu, kunoo ani afaan koo kanaa labsuutti hin dhowwine.’’ ( Far 40:9-10)
Galanni waqayyoof yaa tahuu
Torbee Gaarii
Sanbata Gaarii