Koye Feche Mekane Yesus Congregation

Koye Feche Mekane Yesus Congregation Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Koye Feche Mekane Yesus Congregation, Lutheran Church, Adama.

Ethiopian Evangelical Church Mekane Yesus Koye Feche Congregation is a Christ-centered church committed to worship, evangelism, discipleship, and community service.

WANGEELA YOHANNIS 2011Maariyaam alaan awwaala bukkee dhaabatee in boossi turte; isheen boo'aa gad jettee awwaalicha kees...
14/04/2026

WANGEELA YOHANNIS 20

11Maariyaam alaan awwaala bukkee dhaabatee in boossi turte; isheen boo'aa gad jettee awwaalicha keessa ilaalte. 12Ergamoonni Waaqayyoo lama uffata adii uffatanii, iddoo Yesus kaa'amee ture, inni tokko mataa duraan, inni kaan immoo miilla jalaan utuu taa'anii argite. 13Isaan yommus, ?Dubartii nana, maaliif boossa?? jedhanii ishee gaafatan; isheen immoo, ?Gooftaa koo fudhataniiru, anis iddoo isa kaa'an hin beeku? jettee isaaniif deebifte*. 14Kana jechaa yommuu gara galte, Yesusin argite. Inni achi dhaabata ture; isheen garuu Yesus ta'uu isaa hin barre*. 15Yesus immoo, ?Dubartii nana, maaliif boossa? Eenyuun barbaadda?? jedhee ishee gaafate; isheen illee, kun eegduu dha jettee, waan yaadeef, ?Gooftaa ko, ati asii fuutee iddoo tokkotti isa geessiteetta yoo ta'e, eessa akka isa keesse anatti himi, ani dhaqee isa nan fida? ittiin jette*.
16Yommus Yesus, ?Maariyaam!? isheedhaan jedhe. Isheen immoo gara isaatti gara galte afaan Ibraayisxiitiin, ?Rabbuunii!? ittiin jette; kana jechuun ?Barsiisaa? jechuu dha. 17Yesus immoo, ?Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara obboloota koo dhaqi, ?Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessaniitti ol nan ba'a? jedhii isaanitti anaaf himi!? jedhee ishee abboome*. 18Ergasii Maariyaam isheen Magdalaa dhuftee, ?Ani goofticha argeera, inni dubbii kana anatti dubbateera? jettee bartootatti in himte.

Waaqeffannaa Guyyaa DilbataGARA IBROOTAA 723Luboonni warri duraa sababii du'aniif hojii isaanii itti fufuu waan hin dand...
28/03/2026

Waaqeffannaa Guyyaa Dilbata

GARA IBROOTAA 7

23Luboonni warri duraa sababii du'aniif hojii isaanii itti fufuu waan hin dandeenyeef, namoota baay'eetu luba ta'e. 24Inni kun garuu bara baraan waan jiraatuuf, lubummaa isaa hojii dhaabataa godhee qabeera*. 25Kana irraa kan ka'es, inni yeroo hundumaa isaaniif kadhachuudhaaf waan jiraatuuf, warra karaa isaa gara Waaqayyootti dhi'aatan hamma dhumaatti fayyisuu in danda'a*.
26Angafa lubootaa, isa qulqulluu, waan ittiin jedhan hin qabne, xurii hin qabne, isa cubbamoota irraa gargar ba'ee bantiiwwan waaqaa gara irraattis ol jedhe akkasii qabaachuun nuuf in barbaachisa*. 27Inni akka angafoota lubootaa warra kaanii, guyyuma guyyaatti duraan dursee cubbuu ofii isaatiif kana booddees cubbuu sabaaf aarsaa dhi'eessuu isa hin barbaachifne; inni ofii isaa aarsaa godhee, al tokkicha yeroo hundumaaf dhi'eesse*. 28Seerri namoota dadhaboo angafa lubootaa godhee hojii irra in dhaabsisa; sagaleen inni kakaadhaan dhaga'amee, seericha booddee dhufe garuu, ilma isa bara baraan mudaa malee ta'e hojicha irra in dhaaba*.

Dilbata miilanaaGanama sa'a 3:00 tti1Qor. 11¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯²³ Barsiifni ani isinitti dabarse, isuma ani gooftaa biraa fudhadh...
19/03/2026

Dilbata miilanaa

Ganama sa'a 3:00 tti

1Qor. 11
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
²³ Barsiifni ani isinitti dabarse, isuma ani gooftaa biraa fudhadhe ture. Innis, Yesus gooftaan halkanuma itti dabarfamee kenname sanatti buddeena fuudhee,
²⁴ Waaqayyoon galateeffatee, buddeenicha cabsee, "Inni isiniif cabe kun dhagna koo ti, kanas seenaa kootiif godhadhaa!" jedhe.
²⁵ Erga nyaatanii booddees akkuma sanatti xooficha fudhatee, "Xoofoon kun kakuu isa haaraa, dhiiga kootiin dhaabatuu dha; yeroodhuma isa keessaa dhugdanitti seenaa kootiif godhadhaa!" jedhe.
²⁶ Yeroodhuma buddeena kana nyaattanitti, yeroodhuma xoofoo kana keessaa dhugdanitti hamma gooftaan deebi'ee dhufutti akka inni [namootaaf] du'e in labsitu.

WANGEELA YOHANNIS 6Yesus Buddeena Jireenyaa Ta'uu Isaa47Dhuguma, dhuguman isinitti hima, namni amanu jireenya bara baraa...
17/03/2026

WANGEELA YOHANNIS 6

Yesus Buddeena Jireenyaa Ta'uu Isaa

47Dhuguma, dhuguman isinitti hima, namni amanu jireenya bara baraa qaba*. 48Ana buddeenni jireenyaa*. 49Abaabiliin keessan lafa onaatti nyaata ?Maannaa? jedhamu nyaatan, haa ta'u iyyuu malee in du'an*. 50Buddeenni waaqa irraa gad bu'u garuu akkas miti, namni isa nyaatu hin du'u. 51Ani buddeenicha jiraataa isa waaqa irraa gad bu'ee dha; eenyu illee buddeena kanattii yoo nyaate bara baraan in jiraata; buddeenni ani biyya lafaatiif jireenya fiduudhaaf kennus, foon koo ti? isaaniin jedhe*.
52Kana irratti Yihudoonni, ?Namichi kun attamitti foon isaa akka nyaannuuf nuuf kennuu danda'a?? jedhanii waliin morkatan*.

Waaqeffannaa Guyyaa Dilbata1 ERGAA YOHANNIS 13Isinis nuu wajjin tokkummaa akka qabaattaniif, isa arginee fi isa dhageeny...
08/03/2026

Waaqeffannaa Guyyaa Dilbata

1 ERGAA YOHANNIS 1

3Isinis nuu wajjin tokkummaa akka qabaattaniif, isa arginee fi isa dhageenye sana isinitti in himna; tokkummaan keenya immoo abbaadhaa wajjin, ilma isaa Yesus Kristosii wajjinis.
4Kana hundumaas gammachuun keenya guutuu akka ta'uuf isiniif caafna*.
5Waaqayyo ifa; dukkannis matumaa isa keessa hin jiru; ergaan nuyi isa irraa dhageenyee isinitti himnus isuma kana*.
6Waaqayyoo wajjin tokkummaa qabna jennee dukkana keessa yoo deddeebine, in sobna; akka dhugaa sanaattis hin jiraannu*.
7Akka inni ifa keessa jiru, nuyis ifa keessa yoo deddeebine, nuyi walii keenyaa wajjin tokkummaa qabna, dhiigni ilma isaa Yesus immoo cubbuu hundumaattii nu qulleessa*.
8Cubbuu hin qabnu yoo jenne of in sossobna; dhugaanis nu keessa hin jiru*.
9Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal'ina keenya hundumaattiis nu qulleessa*.
10Nuyi cubbuu hin hojjenne yoo jenne immoo isa sobduu in goona, dubbiin isaas nu keessa hin jiru.

07/03/2026

Address

Adama
1000

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Koye Feche Mekane Yesus Congregation posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share