21/06/2026
Haalota Marakza “AL-AQSAA” Magaala Adaaama:-
Markaza Al-Aqasaa keessattii wantoota yeroo jalqabaaf nama hawwatan keessaa tokko haala qulqullinaa fi qindoomina markazichaa dha. Naannoon barattoonni itti baratan qulqullina gaarii qabaachuun isaanii xiyyeeffannaa guddaa markazichi barnootaa fi guddina barattootaaf kennu agarsiisa.
Kutaan barnootaa, mana ciisichaa (Dormitory), bakka bashannanaa fi iddoon ispoortii sirnaan qophaa’uun isaanii barattoonni akka haala gaariin baratan, boqotan fi qaamaanis jabaatan taasisa.
Ustaazota Muuxannoo Qabaniin Barnoota Qulqulluu:-
Markazni Al-Aqsaa barattoota isaa ustaazota muuxannoo dheeraa qabanii fi hojii barsiisuu keessatti yeroo dheeraa tajaajilaa turaniin barsiisaa jira. Kunis barattoonni Qur’aana sirnaan qara’uu, hifzii fii tajwiida isaa hubachuu keessatti akka guddatan gargaaraa jira.
Barattoonni Markaza Al-Aqsaa yeroo muraasa keessatti jijjiirama mul’ataa agarsiisaa jiran jechuun ustaazonni fi maatiin isaanii ni ibsa jiru.
Barattootaaf Haala Guutuu Mijeessuu:-
Markazni Al-Aqsaa yeroo ammaa barattoota 40 ol simatee barsiisaa jira. Barattootaaf bakka jireenyaa mijataa, nyaata qulqullinaa qabu, hordoffii barnootaa cimaa fi sirna tarbiyyahii gaarii qopheessuun hojii isaa itti fufee jira.
Keessumaa maatiin ijoollee isaanii markazicha keessaa qaban hojii markazani itti jiru irraa gammachuu isaanii Aalam Mediaaf ibsaniiru.
> “Nuti ijoollee keenya eega as fidnee ji’oota muraasa qofa. Garuu yeroo gabaabaa kana keessatti amala isaanii, barnoota isaanii fi Qur’aana isaanii irratti jijjiirama guddaa fi bareedaa argaa jirra,” jechuun maatiin muraasni yaada isaanii ibsaniiru. yaadni isaanii kun hojii qulqullinaa fi bu’aa irratti hundaa’e markazichi hojjetaa jiru mirkaneessa.
Markazul AL-AQSAAN Akka Barattoonni Qur’aana Rabbii haffazan, naamusa gaarii horatan fi beekumsa Islaamaa sirriitti barataniif hojii taasifamaa jiru keessatti markazichi gahee olaanaa bahachaa jira. Kanaafu Hawaasni Muslimaa Iddoo garaagaraatti argmattan, keessumaa magaalaa Adaama filannoon keesssan Markaza Al-Aqsaa haa tahu jeenna.
Teessoo Markazaa Al-Aqsaa:-
Magaalaa Adaamaa,
Kutaa Magaalaa Boolee,
Addababaayii Alii Birraa,
Naannoo Mana Barumsaa Kaamaraa biratti argama.
Lakkoofsa :- 09-11-95-46-66
Lakkoofsa :- 09-15-46-37-29
Markaza AL-AQSAA Adaamaa
Ballinaan Haala Markaza Vedio nu eegaa.
Galatoomaa, Milkawaa jiruu Qur’aana jiradha.😊
_________________________________
🪀Misbah Sheikh Husein
🌎Aalam Media
♦️Nu Hordofaa
Facebook: https://www.facebook.com/aalammedia1.php?id=61560395330900
Telegram: https://t.me/aalammedia1
YouTube: https://www.youtube.com/-cc8lj
Tiktok :tiktok.com/