Majlisa Magaalaa Adaamaa

Majlisa Magaalaa Adaamaa Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa | የአዳማ ከተማ እስልምና ጉዳዮች ምክር ቤት

Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa Ulamaa'ota Halqaalee Ilmii Waliin Marii Adeemsisee. Hagayyyaa 14, 201...
20/08/2026

Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa Ulamaa'ota Halqaalee Ilmii Waliin Marii Adeemsisee.

Hagayyyaa 14, 2018| Rabi'al-Awwal 07,1448 H
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

Manni marichaa haala qabatama halqaaleen irra jiran torbanootan duraa qaamaan iddoo halqaaleen jiranitti argamuun daawwaanna erga taasisee booda marii bal'a ulamaa'ota waliin waajjira mana marichatti adeemsisee jira.

Walgahiicha irratti argamuun ergaa kan dabarsaan Dura Bu'aan mana mariicha Sh/Mahmud Huseen "Halqaaleen ilmii utubaa barnoota diinii ta'uu" ibsuun manni marichaa yeroo kamiyyuu caala halqaalee ilmii magaalicha keessatti lafa qabsiisuuf xiyyeeffannoo itti kennee akka hojjatu dhaamaniiruu.

Walgahii kana irratti Barreessaa Ol'aanaa Mana Marichaa Ustaaz Abdurraahiim Tashaala, Itti gaafatamaan kutaa Barnoota fi Tarbiyaa Sh/Tamaam Qamar kan argaman yommuu ta'uu; ulamaa'iin halqaalee ilmii irraa hirmaatan immoo:-
▪︎Dr Abduljaliil Rubee
▪︎Sh/Yaasin Sh/Jamaal
▪︎Sh/Hasan Ahmad
▪︎Sh/Jamaal H/Bakar
▪︎Sh/Muhammad Umar fi
▪︎Sh/Abdallaah Sh/Ibrahiim fa'i.

Walgahii kana irratti akkaata sirna baruufi barsiisuu halqaalee ilmii, walitti hidhamiinsa fi walitti dhufeenya halqaalee, hariiroo waliini fi hawaasa irratti bal'inan kan mari'atame yommuu ta'uu gara fuulduraatti immoo halqaaleen cimaani hayyoota/beektoota muslimaa akka oomishaniif toora xiyyeeffannoo godhachuun manni mariicha ulama'ii waliin ta'uun akka irratti hojjatamuu waliigaluun walgahichi milkiin xumuramee jira.
▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎

Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa Sagantaa Waltajjii Qaamolee Hoggansa Garagaraa Waliin Adeemsise. Haga...
16/08/2026

Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa Sagantaa Waltajjii Qaamolee Hoggansa Garagaraa Waliin Adeemsise.

Hagayyaa 10/12/2018| Rabi'al-Awwal 03/1448 H
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa sagantaa waltajjii qaamolee hoggansa adda addaa waliin guyyoota lamaaf adeemsise.

Sagantaa waltajjii kana irratti qabxiileen marii bal'a ta'an mariif kan dhihaatan yommuu ta'uu isaan keessan ijoon:-
● Hubannoo waliigalaa dhimmoota manneen mariitiin (majlisan) walqabatan,
● Hoj-mataa manneen marii sadarkaan jiranii,
● Sirna bulchiinsa masjidaa fi qulqullinnaa naannoo masjida,
● Dhimma hojiilee manneen marii diijitaloomsuu fi
● Dinagdeen manneen marii utubuu kan jedhan ijoo marii sagantaa kanati.

Sagantichi guyyoota lamaaf qopheessuumma Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaatiin qophaa'ee kan dhihatee yommuu ta'uu:-
☆ Hoggansi koree hojii raawwachiiftuu manneen marii kutaalee magaalaa,
☆ Hoggansi koree hojii raawwachiiftuu Aanaalee kan hirmaatan yommuu ta'u; Abbuudhan immoo:-
■Hoggansi koree hojii raawwachiiftuu masjida fi
■ Hoggansi koree hojii raawwachiiftuu dhaabbilee islaamaa saganticha irratti hirmaatanii jiru.
Xumuara sagantaa irratti cuunfaa yaada waliigalaa fi kallattiin hojii gara fuuldura hoggansa ol'aanoo mana marichaatin kennmanuun sagantichi guyyoota lamaaf turee bifaa gaarii ta'een xumura argatee jira.
▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎

Jiilli Pireezidaantii Mana Marii Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Federaalaatiin Durfamu Magaalaa Adaamaatti Dhaabbii Bi...
03/08/2026

Jiilli Pireezidaantii Mana Marii Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Federaalaatiin Durfamu Magaalaa Adaamaatti Dhaabbii Biqiltuu Taasise.

Adoolessa 27, 2018| Safar 20, 1448 H
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

Jiilli Pireezidaantii Mana Marii Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Federaalaa Doktora Kabaja Sh/Hajjii Ibraahim Tufaatiin Durfamu Magaalaa Adaamaatti Argamuun Dhaabbii Biqiltuu Taasise Jira.

Mata duree "ABDII HAA DHAABNUU" jedhuun sagantaa dhaabbii biqiltuu akka biyyaatti guyyaa tokkootti miliyoona 800 adeemsifama jiru irratti argamuun sirna dhaabbii biqiltuu kan taasisaniifi ergaa kan dabarsaan Dr Sh/Hajjii Ibraahim, biqiltuu dhaabuun:-
☆ Nagaa dhaabuudha
☆ Jaalala dhaabuudha
☆ Tokkummaa dhaabuudha jedhan.
Biqiltuu har'a dhaabame kana dhaabuun qofti gahaa akka hin taaneefi yeroo yeroon hordoffiin taasifameefi kunuunsuun barbaachisa akka ta'e cimsuun ergaa dabarsaani jiru.

Sirnaa dhaabbii biqiltuu kana irraatti koree hojii raawwachiiftuu majlisa Federaalaa, Kantiiba Magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee fi hoggansi Magaalaa Adaamaa, Koree hojii raawwachiistuu majlisa magaalaa Adaamaa fi hawaasni bal'aan magaalaatti irratti argamee jira.
▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎

Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa Leenjii Hubannoo Uumuu Sooftiweerii Irratti Qaamolee Hoggansaatiif Ke...
29/07/2026

Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa Leenjii Hubannoo Uumuu Sooftiweerii Irratti Qaamolee Hoggansaatiif Kennee.

Adoolessa, 18/2018| Safar, 11/1447

Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa hoggansa, koree hojii raawwachiiftuu manneen marii kutaalee magaalaa, aanaalee fi imaammaniif guyyoota lamaaf leenjii hubannoo waliigalaa sooftiweerii irratti kennee jira.

Sagantaa hubannoo kana irratti leenjiin dabalataa waa'een waqfii fi hoggansummaa irratti kennamera.

Leenjii hubannoo bal'aa qaamota hoji raawwachiistuuf kennameen:-
▪︎ Ragaa sirrii ta'e sassaabuu
▪︎ Sooftiweerii fi waqfii
▪︎ Sooftiweerii fi Manneen Marii sadarkaan jiran dhabbatessuu
▪︎ Hojmataa mana marii diijitaleessuu fi kkf yommuu ta'uu leenjii hubannoo uumuu kun kan itti fufu ta'uu manni maricha ibsee jira.
▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎

Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa Leenjii Hubannoo Uumuu Sooftiweerii Irratti Qaamolee Hoggansaatiif Kennee.

Adoolessa, 18/2018| Safar, 11/1447

Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa hoggansa, koree hojii raawwachiiftuu manneen marii kutaalee magaalaa, aanaalee fi imaammaniif guyyoota lamaaf leenjii hubannoo waliigalaa sooftiweerii irratti kennee jira.

Sagantaa hubannoo kana irratti leenjiin dabalataa waa'een waqfii fi hoggansummaa irratti kennamera.

Leenjii hubannoo bal'aa qaamota hoji raawwachiistuuf kennameen:-
▪︎ Ragaa sirrii ta'e sassaabuu
▪︎ Sooftiweerii fi waqfii
▪︎ Sooftiweerii fi Manneen Marii sadarkaan jiran dhabbatessuu
▪︎ Hojmataa mana marii diijitaleessuu fi kkf yommuu ta'uu leenjii hubannoo uumuu kun kan itti fufu ta'uu manni maricha ibsee jira.
▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎

Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa Sagantaa Ziyaara (Dawannaa) Adeemsise. Adoolessa 10, 2018| Safar 03, ...
17/07/2026

Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa Sagantaa Ziyaara (Dawannaa) Adeemsise.

Adoolessa 10, 2018| Safar 03, 1447 H
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa sagantaa ziyaara (dawannaa) manneen marii kutaalee magaalaa, halqaa ilmii, markazaa fi madarasaa adeemsise.

Manni maricha marsaa lamaan saganta ziyaara kan taasise yommuu ta'uu marsaa jalqabaatin:-
▪︎ Waajjira Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Kutaa Magaalaa Boolee ▪︎Halqaa Sh/Jamaal (Masjida Daarul-hadiis)
▪︎ Halqaa Dr Abduljaliil Rubee (Masjida Ja'affaruxxaayaar)
▪︎Halqaa Sh/Hasan Ahmad (Masjida Annasr) yommuu ta'uu marsaa lamaffaatin:-
▪︎ Waajjira Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Kutaa Magaalaa Luugoo,
▪︎ Markaza Manaabirul Miski
▪︎ Markaza Al-Aqsaa
▪︎ Markaza Alrooh Wareeyhan (Basaa'ir Atta'aliim)

Sagantaa ziyaara kana irratti hoggansi ol'aanoon mana marichaa kan argaman yommuu ta'uu, ziyaara marsaa laman adeemsifame kana irraa galtee fi bu'aan guddaan argamuu ibsani jiru. Sagantaan ziyaara kun kan itti fufuu ta'uus ibsamee jira.
•••••••••••••••••••••••••••••••

Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa fi Yuunivarsitiin Imaamu Shaafi'i Dhimmoota Hojii Irratti Marii Waloo...
01/07/2026

Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa fi Yuunivarsitiin Imaamu Shaafi'i Dhimmoota Hojii Irratti Marii Waloo Gaggeessan.

Waxabajjii 24,2018| Muharram 16,1448 H
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa dhimmoota hojii garagaraa irratti Yuunivarsitii Imaamu Shaafi'i waliin marii bal'aa gaggeesse jira. Maricha irratti hoggansi ol'aanoon dhaabbilee lamaniitu kan argaman yommuu ta'u, marii waloo kana irratti qabxiileen ijoon bal'inaan irratti mari'ataman:-
■ Hariiroo fi walitti dhufeenya mana marichaatifi Yuunivarsiticha
■ Tajaajila Hawaasummaa irratti ciminaan waliin dalaguu fi
■ Hojiilee Mana Marichaatin hojjatamanii fi Yuunivarsitichaan hojjatamaa jira lafa qabsiisudha.
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa Sirna Hoj-mataa Mana Mariicha Diijitaleessuu Irratti Hojjachuuf Walii...
13/06/2026

Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa Sirna Hoj-mataa Mana Mariicha Diijitaleessuu Irratti Hojjachuuf Waliigaltee Hojii Mallatteesse.

Waxabajjii 06,2018| Zul-Hijjaa 27,1447 H
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa sirna hoj-mataa mana mariicha diijitaleessuuf sooftiweerii haarawa gabbiisuun irratti hojjachuuf waliigaltee hojii ogeessa sooftiweerii kan ta'an Injineer Abdunnaasir Jamaal Fiixaa waliin waliigaltee hojii mallatteesse.

Sirna waliigaltee irratti argamuun waliigalticha kan mallatteesaniifi ergaa kan dabarsaan Sh/Mahmud Huseen Dura Bu'aan Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa sooftiweeriin kun bu'uura irraa rakkoole turan qorachuun furmaata irratti ni hojjataa jedhan.

Ogeessi sooftiweerii Injineer Abdunnaasir Jamaal barnoota baratan gochatti jijjiiruun hawaasa tajaajiluuf murannoon akka hojjatan ibsuun bu'uuruma waliigaltee taasifameen yeroo gabaaba keessatti sooftiweeriichi akka hojii eegalu eeraniiru.

Ka'uumsaf toorri xiyyeeffannoo fi hojii sooftiweericha kan ta'u:-
■ Harca'iinsa daataa ture diijitaleessuun mana maricha hoggaanu.
■ Sassaabbii galii harca'a fi bittinnaa'a ture diijitaleessuufi karooran hoggaanu.
■ Odeeffannoo madarasaa qindaa'a hin turree sirnaan diijitaleessuufi hoggaanu.
■ Ragaalee masjidoota, halqaa ilmii, markaza, giddugalaa, wiirtuulee fi kkf diijitaleessuu
■ Ragaalee harka qal'eeyyii, yatiima fi masaakina qindeessuun karaa diijitalaawaa ta'een deebisanii deeggaruu fi kkf of keessatti kan hammateedha.

Hubannoon waliigalaa hawaasa bal'aaf yeroo gabaaba booda kan kennamuu akka ta'ee fi leenjiin gochaan deeggarame ogeessotaf akka kennamuu sirna waliigalticha irrati eerame jira.
••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Keessummoonni ARRAAHMAAN (Hujjaajoonni)  Gara Biyyaatti Deebi'uu Eegalan!
04/06/2026

Keessummoonni ARRAAHMAAN (Hujjaajoonni) Gara Biyyaatti Deebi'uu Eegalan!

Dameen Hajjii fi Umraa Mana Marii Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sa'udii Arabiyaatti Badhaasa "Diamond" Ba...
30/05/2026

Dameen Hajjii fi Umraa Mana Marii Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sa'udii Arabiyaatti Badhaasa "Diamond" Badhaafame.
••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Caamsa 21,2018|Zul-Hijjaa 12,1447
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Ministeerri Hajjii Sa'udii Arabiyaa sirna xumura Hajjii bara 1447 A.H fi eegalumsa Hajjii bara 1448 A.H ifa godhe irratti, Dameen Hajjii fi Umraa Mana Marii Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa raawwii hojii ol'aanaa agarsiiseen badhaasa "Diyaamandi (Diamond)" akka injifate.

Sirna xumura Hajjii irratti bakka Ministeerri Hajjii fi Umraa Sa'udii Arabiyaa Sh/Towfiiq bin Fawzaan Al-Rabii'a argamanitti, mata duree "Khiitaamuhu-Misk" jedhuun, dhaabbilee fi biyyoota tajaajila keessummoota Al-Rahmaan irratti raawwii gaarii agarsiisaniif beekamtii kennameera.

Dameen Hajjii fi Umraa Mana Marii Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa badhaasa kanaaf kan isa ga'e, galmee hujjaajoota yeroon raawwachuu, odeeffannoo qindaa'een dhiyeessuu, qophii imala hujjaajootaa, akkasumas eegumsa fayyaa fi tajaajila si'ataa hujjaajjootaaf dhiyaateen raawwii gaarii agarsiisuu isaatiin akka ta'e ibsameera.

Pireezidaantiin Mana Marii Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Doktorri kabajaa Sh/Hajjii Ibraahim sirna kana irratti kan argaman yoo ta'u, badhaasni argame kun barii filannoo majlisa ta'uun isaa ummatni of-eeggannoon itti yaade hoggansa cimaa filachuu isaa agarsiisa jedhan. Itti dabaluudhan badhaasichi maqaan biyyaa keenya waltajjii idil-addunyaatti waan gaarii yaamsisuun isaa hiikka guddaa qaba jedhan.

Sadarka Pireezandaatii Itti aanaatti hogganaan Damee Hajjii fi Umraa mana marichaa Dr Muhammad Saalih milkaa'inni kun adeemsa hojii Hajjii Itiyoophiyaa sadarkaa ol'aanaatti kan ceesisuu fi biyyattii sadarkaa idil-addunyaatti akka gaariitti akka ibsu dubbataniiru.

Dhaabbata badhaasaa "Khiitaamuhu-Misk" jedhamu irratti akka ibsametti, sirni beekamtii kun qulqullina tajaajilaa waggaa waggaan kennamu fooyyessuuf, akkasumas dhaabbilee fi gareewwan ergamaa Hajjii biyyootaa dorgomaa fi qophaa'oo akka ta'aniif kan dandeessisuudha.
•••••••••••••••••••••••••

17/05/2026

Maashaallaah!
Sirna Hajjii Bara 1447ffaatiin Kenna Tajaajilatiin Manni Marii Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Badhaafame!

Address

Adama

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Majlisa Magaalaa Adaamaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share