FOCUS ASTU

FOCUS ASTU This page is an official page of a
Adama Science and Technology University Fellowship of Oromo Christian University Students (FOCUS ASTU).

29/04/2026
✨ BREAK MISSION REPORTGooftaa tti kan jaallatamtan obboloonni tokkummaa keenyaa ayyaannif nagaan gooftaa kenya Yesus Kri...
19/02/2026

✨ BREAK MISSION REPORT

Gooftaa tti kan jaallatamtan obboloonni tokkummaa keenyaa ayyaannif nagaan gooftaa kenya Yesus Kristoos hunduma keessaniif haa baayyatu!

Akkuma beekamu gargaarsa waaqayyootiin guyyoota 3'n (04/06/2018 - 07/06/2018) darban tokkummaan keenya hojii dhuga ba'umsaa magaalaa Dukem tti adeemsiftee turte.

Hojii kanaanis Waaqayyo nu gargaaruu isaatiin mo'icha guddaa kan arganneefi namoonni hedduun wangeela Mootummaa waaqayyoo dhaga'u danda'aniiru.

📌 Hojii hojjetame kanaan:

👉Wangeela Kan Dhaga'an: 989
👉Kan abdii Kennan:156
👉Kan jajjabeeffaman:27
👉Kan amanan: 62

🎯 Hojii Waaqayyo karaa keenya hojjechuu jaallate hundumaaf Waaqayyoof galanni guddaan haa ta'u. Akkasumas hojii kana keessatti karaa garaagaraa hirmaachaa kan turtan obboloonni hundumtuu ammayyuu gooftaan ayyaana isaa isiniif haa baayyisu isiniin jenna!

Wangeela Dhugaa ba'uun itti fufa...✊




FOCUS BHUAyyaannif nagaan gooftaa keenya Yesus Kristoos isiniif haa baayyatu!“Egaa ani sii wajjin waanan jiruuf hin soda...
15/02/2026

FOCUS BHU

Ayyaannif nagaan gooftaa keenya Yesus Kristoos isiniif haa baayyatu!

“Egaa ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! Ani Waaqayyo kee ti hin na'in! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras; irree qajeelummaa koo isa mirgaatiin ol sin qaba.”
Isa. 41:10

Akkuma beekamu guyyaa kaleessaa balaa ibiddaa galma Waaqeffannaa Barattoota FOCUS Bulee Horaa University tti uumamee yommuu dhageenye baayyee gaddine! Obboloota keenya bakki waaqeffannaa isaanii sababa balaa kanaan jelaa badeef gargaarsa waaqayyootiin caalaatti debi'ee akka ijaaramuufif amantii guutuu qabna. Nutis tokkummaan barattoota FOCUS ASTU karaa dandeenyu hundumaan isin waliin jirra. Jabaa dhaa isiniin jechuu barbaanna.

Galmi waaqeffannaa kun deebi'ee akka ijaaramuuf deeggarsa gochuuf lakkoofa herrega bank isaanii armaan gadii fayyadamu dandeessu!

👉 1000099318132 (CBE)
FOCUS MINISTRY B/HORA UNIVER

Eebbifamaa!
FOCUS ASTU
ADAMA

Address

PO BOX 0000
Adama
1000

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when FOCUS ASTU posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share