18/12/2025
ፍትህ ከሰማይ ሲወርድ
Manguddoo tokkotu turan.Ilma gadaamessa isaanii keessaa bahee gaafa dullummaan isaan injifatte ol isaan qabee,"aayyoo koo" jedhuun hin qaban.Manguddoo umrii waggaa torbaatamoota(70) ti.Firaa fi aanteen isaanii dabaree dabareedhaan gara biyya deebisan hin jirreetti biraa godaananii jiru.Dullummaa fi dhibeen walii galuun itti duulanii dadhabsiisaa jiru.Nama "akkam ooltan?" jedheen hundaanuu,Dugda koo na dhukkuba, jilba koo na sakaale,ijji koos waa hin hubatu," Jedhanii fayyaaf dulluma komatu.Gaafa jireenya biyya lafaa kana nuffan ammoo " Kana caalaa osoo natti hin hammaatin Rabbiin osoo na fudhatee maal qabu?" jedhanii of hifatu.Galiin isaan ittiin jiraatan soorama mootummaa irraa argataniidha.Soorama kuufamaa guddaa kan argatan waggaatti yeroo tokkoodha.Minda waggatti yeroo tokko argatan kana waajjira mootummaa geessee akka fudhatan kan gargaaraa ture dargaggeessa eebbifamaa oolla isaanii tokkotu ture.Dargaggeessi kun yeroo kaffaltiin sooramaa gahu hundaa manguddoo kana fuudhee iddoo itti kaffalamu geessee ,fuudhee manatti deebisa.Manguddittiin immoo eebba itti roobsaa ollummaan waliin jiraataa turan. Hanga dargaggeessi gaariin ollaa manguddoo kanaa ture iddoo sanaa godaane yeron bubbuleera.Namni isaan harka qabee akka isaatti tirsee iddoo kaffaltii sooramaatin gahee deebisu hin jiru.Yeroon kaffaltii sooramaa itti fudhatan gahe, nama biroo kan akka dargaggeessa kanaatti amanan ni dhaban.Manguddittiin nama akka isaa argachuuf buusanii baasanii yaadanii dhaban.Filannoon dhabamnaan kophadhuma isaanii deemuuf murteessan.Ulee isaanii qabatanii karaa bu'an, tirataatuma iddoo kafaltii gahan.Hojjattoonni waajjirichaa kabajaan simatanii soorama isaanii kaffalaniifii,dubartoonni waajjirichaa ammoo "taaksiin gaggeessina" jedhanii fuudhanii iddoo dhaaba taaksii geessan.Mangudditiin akkuma dhaaba taaksii gahaniin gurbaan tokko maqaa isaanii waamaa itti qajeele harka keessa dhungatee nagaa gaafate.Dubartoota gaggeessuuf bira dhaabataniin, "ollaa koo waan ta'aniif anoo nan gaggeessa isin deemaa" jedhan.Gurbaan kun Manguddittii taaksii keessa kaahee haasawaa karaa bu'an.Walakkaa sa'aatitii ol deeman.Manguddoo kana karaan itti dheerannaan keessa isaanitti shakkiin uumamuu eegale."Iddoo goruu barbaadetu jiraa laata?" jedhanii of booharsuu eegalan. Onnee isaanii shakkiin qimmidaa jirtus tasgabbeessuuf yaalan.Dubbiin akka isaan of booharsan san osoo hin taane akka biraa tahaa jira.Gurbichi karaa jijjiirun karaa guddaa irraa gara bitatti konkolaataa isaa naanneessuun, gara gaara tokkootti ol qajeelche.Onneen Mangudditti rukuttaa eegale.Miirri isaanii guutun hollate. Hafuura addaan cicciteen "Ilma koo eessa na geessaa jirta?" jedhanii gaafatan.Gurbaanis "Asuma dhihoo lafa kuduraa koo geenyee ,isinis kuduraa fudhattanii deebinaa obsaa"jedhaan.Yoo haasawu afaan isaa wal hidha.Daandii cirrachaa xummuranii konkolaataa isaa dhaabe.Yeroo muraasa cal'iinsi uumame.Cal'iinsa shiraan guutame fi cal'iinsi shakkii uumame.Cal'iinsi gurbaa kan shiraa karoorsuu, yoo ta'u kan mangudditti ammoo cal'iinsa shakkii fi naasuu ture.
Gurbichi xixii fi uffata xinnoo ishee giiphii(Kiisa) keessaa baafate.Miira sodaatin guuttamus garaa jabaatee manguddittii morma qabee xixiin afaan dhukkaamsuuf yeroo itti deemu, dubbiin galteefii manguddittiin, "Ilma koo na hin ajjeesin, mallaqa koo yoo barbaadde fudhu ,ani nama tokkottuu hin dubbadhu" jedhaniin.Garaa jabummaan xixiin afaan isaanii erga dhukkaamsee booda mallaqa bobaa isaanii keessaa baase.Harka isaanii teessotti hidhee akaafaa fi doomaa fudhatee saffisan boolla awwaalchaa qotuu eegala.Gurbichi osomaa boolla qotaa jiruu, murtiin Rabbiin biraa dhufa,Bofti Kobraan dheerinni isaa meetira tokko ta'u gurbicha jilbiiffatee boolla qotaa jirutti maramee summii isaatin bakka afur haleele.Boolla manguddoof qopheesse keessatti kuffisee mormatti marame.Gaafa gurbaan boolla qotu manguddittiin kadhaa Rabbii isaanii itti fufaa turan."Yaa Rabbii koo jireenya koo guutuu siif ajajamaan ture, intala xinnoo abbaa hin qabne(Yatiima) guddisaan jiraatii ,har'a na dhaqqabi "jedhaniin. Inni haqa hin dabsine murtii ariifachiisan manguddittiif birmate.Ijoolleen naannootti horii tiiksan konkolaataa dhaabbatee ture arganii dhaqanii yoo laalan manguddittiin akka maletti jiru.Ijoolleen iyyanii namoota waamanii manguddittii hidhaa irraa hiikanii waan ta'e gaafatan.Manguddittiin waan ta'e namootatti himan.Namoonni gara boolla qajeela.Gurbaan boolla manguddittiif qote keessatti kufee lubbuun baatee jirti.Bofni namoonni dhufnaan ergama isaa raawwatee morma gurbaarraa hiikkamee gara huuratti qajeele.
Maddi:Fuula FB Mahi Mahisho irraa.