Xaasoo damee

Xaasoo damee Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Xaasoo damee, Christian church, Express Way, Adama.

Tajaajilli jireenyaa kan yeroo hundumaaKan itti ulfeessinuun Waaqessinee uumaaYeroof qofa mitii kan nut waaqessinuuHamma...
15/09/2024

Tajaajilli jireenyaa
kan yeroo hundumaa
Kan itti ulfeessinuun
Waaqessinee uumaa

Yeroof qofa mitii
kan nut waaqessinuu
Hamma inni dhufut
yokiin hamma nuy deemnu

Hinuma tajaajilla
Tasa humna laafnuu
Isaan Galma geenyaa
Abadan hin dhaabnu

Goota waangeela jabaaBadiyyaaf magalaattiArgachuuf dhabattiiOtoo ofiin dangeessin Kan dubbattee hundattiiHidhachiisa dha...
03/02/2024

Goota waangeela jabaa

Badiyyaaf magalaatti
Argachuuf dhabattii
Otoo ofiin dangeessin
Kan dubbattee hundattii

Hidhachiisa dhaloota
Wangeela dhugaatin
Leenjisaa tajaajiltoota
Hubannoo ga'atiin

Kan hin soossobamne
Calaqqe lafaatin
Kan hin gowwooffamne
Urirsuu dacheetin

Of gidduudha si dhabuun
Baayyee nutti hir'isee
Waan sirkaa fayyadamnuu
Heedduu nu dhabsiisee

Egaa maal jennuu amma
Erga inni jaalatee
Ofiit si waammachuun
Murteesse erga filatee

Akkum jechaa Turtee
Tajaajila kee gidduut
''Kadhata koot kunii
na dhagahaa sirriit''
'' Yaa waaaqayyoo Waan naan hojjechuu barbaaddee yoon xumuruu secondii tokkoof biyya lafaa kanarra nan tursiin gara keet na sassaabi''
jette akkuma dhaloota barsiitee
Waamicha isa sirrii kanatti akeekte
Kunoo yeroon geenyaan
Gara isaa deemtee
Nagadhaan boqodhuu
Erga Asii raawwattee

Nuuyif garuu dhukkuubbiidhaa
Kan irraa hin dandamannee
Si dhabuun keenya ammaa
Waan tasa hin yaadamnee

Egaa akkum nuun jettee
''Waangeeluman hojjedha
Isumaan dhaadadhaa
kaanif Hin dhiphatinaa
isuma lakkaawwadhaa''
isumaan si yaadannaa
Siidaa seenaan hin nyaannee
ati nu keessa qabdaa.

Goota wangeelaa
Pastor Taayyee dibbeessa

Deemee karaan murreereefun egala deemsaaejjenno koos cimseekan alaaf kan keessaatarkanfirran jiraahaala mimmijeessagalma...
15/12/2023

Deemee karaan murree
reefun egala deemsaa
ejjenno koos cimsee
kan alaaf kan keessaa
tarkanfirran jiraa
haala mimmijeessa
galmaa koos nan gahaa
waaqi na milkeessaa

duuba koon milladhuu
deebiyuuf teellattii
durumattan deemaa
hin jijjiru kallattii
kanan deema jiruu
miti deemsaa raachattii

riphees ofin dagadhu
kayyookoo luuccessee
figees hin harganuu
miilakoo qaacessee
lallachaatuman deema
miila koof eeggadhee
jijjikfachaan deemu
kaayyoo koos baattadhee

Hadaraa nan sardin
ofii kan keef jettee
fuullekoo dhaabbattee
miilla kan koo hiitee
ofii qofan yaadin
anaan immoo mitee
anis galmaan qabaa
ati yoo jarjartees

eenyu inni jettuu
kan si miidhu yaaduu
gaaffin sinit umee
kaaseetommoo oduu
jarjarsituun jibbaa
ishee na sardituu
asit na waamte
na gatteemmo kan kaattu

ishumaanan ishee oduunshe
ganda meeqa kabu
komattu hamattudha
karat kan namdhaabu
gatantaraaf firfirsaa
duddubaan collogsaa
oduusheetan jibbee
usuudha deebinsaa

silas haa dubbattu
ana maaltu dhibee
yoo deebitee jedheen
kan kana sittimee
anoo gurran qabuu
isan siin dhagahuu
caal jedhimee narraa
ani yeroon qabuu

imaltuudha ani
kanan galmaa qabuu
dhalootatu jiraa
kan bulee hagabuu
soorachuuf kan taa'an
isanan of harkaa qabuu

ka'era miilli kaayyoo
gahuuf laafa dhaala
nattimmon barfatu
yerumaanan galaa
waan biraammoo miti
kanan ani deemun
wangeelan lallabaa
inkirdaada aramuun

ROM 8:19

nan eegale malee deemsako Adeemee karaan murreeni wacu malee masaanuunkoo galmakoon agarree
24/09/2023

nan eegale malee deemsako Adeemee karaan murree
ni wacu malee masaanuunkoo galmakoon agarree

26/11/2021

coming soon

05/11/2021

Ittiin eebbifamaa
AMANUU’EEL DAMMASAA (OOLEERAA)

Humnaaf bekumsa uumamaan kaniin danda’amne
Ogummaa ilmaa namaan wanta ittin yaadamnee
Wallansan argadhee yesuus abbaa bira
Kufisaa garmalee gubaachauu ibiddaa ooleera
Wallansan argadhee waaqayyoo abbaa bira
Kufisaa garmalee gubaachauu ibiddaa ooleera
Ooleeraa(*10)
darbaan dabarsa mammaksaa miti inniin an hasa’uu
Du’a moo’ee du’uu na oolchee iyyeesuus akkan kansaa ta’uu
Yesuus dhugunfadheen(amaneen) karaaf dhugaa baree oolera
Abarsaa jalqabaa lammaffaa du’uyyuu an isaanan oolee
Oleera*10
Ooleera ani cubbuudhan joonja’uu warransa aduu gadii
Ooleera ani qooda gatii cubbuu si’ool isa badii
Ooleera ani reebicha dukkanaa miidhama garmalee
Ooleera ani ificha jireenyaa yesuusinan oolee
Garumma kee malee komii kee hin qabuu
Situ na oofkalchee diina natti gamuu
Walankaaka lafaat naaf dhufee oolchuunkee
Hixaatee na qabe amanama harkikee

Human dukkanichaa isa hafuuraan hojjeetuu
Lubbuu balleessuudhaaf yeroo hin ka’atuu
Oolchaan inni dhugaan yesuus erga dhufee
Cubbuudhaan joonja’ee rebichii dukkanaa hin hafee
Yaddookoo fudhatee yaddesssakoo irratti aboo anaaf kennee
Na moosiseera yesuus inni ani amanee
Mana abbasaa kessaa iddoo anaaf
Naaf kenneera yesuus naaf kenneraa
Naaf kenneera ana badhaseeraa

Address

Express Way
Adama
8781

Telephone

+251933878181

Website

https://www.youtube.com/channel/UC1U7F0qa3LOAYt0xBHZxOBQ

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Xaasoo damee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Place Of Worship

Send a message to Xaasoo damee:

Share