16/09/2026
Maarqos 1:1–8 — Qorannoo fi Barumsa
Lak. 1: “Jalqaba wangeelaa Yesuus Kiristoos, Ilma Waaqayyoo.”
Maarqos wangeela isaa eenyummaa Yesuus irraa jalqaba. Yesuus Kiristoosii fi Ilma Waaqayyoo dha.
Lak. 2–3: Raajii keessatti nama karaa Gooftaa qopheessuuf dhufu ni dubbata.
Namni kun Yohaannis Cuuphaa dha. Inni Yesuusiif karaa qopheessa.
Lak. 4: Yohaannis lafa onaa keessatti lallabee, cuuphaa qalbii jijjiirrannaa lallaba.
Karaan Gooftaa qophaa'uuf qalbii jijjiirrannaa barbaachisa.
Lak. 5: Namoonni cubbuu isaanii himachaa, Yoordaanos keessatti Yohaannis irraa cuuphamu.
Qalbii jijjiirrannaa dhugaan cubbuu ofii beekuu fi gara Waaqayyootti deebi'uu of keessaa qaba.
Lak. 6: Yohaannis uffata rifeensa gaalaa uffatee, aannan dammaa fi hawwaannisa bosonaa nyaata.
Jireenyi isaa salphaa fi hojii isaa waamicha Waaqayyoo irratti kan xiyyeeffate ture.
Lak. 7: Yohaannis, “Ana duukaa kan dhufu na caala” jedhee waa'ee Yesuus dubbata.
Tajaajilaan dhugaan ofii isaa ol kaasuu mannaa Kiristoosiin ol kaasa.
Lak. 8: Yohaannis bishaaniin cuuphe; Yesuus garuu Hafuura Qulqulluun cuupha.
Kun garaagarummaa tajaajila Yohaannisii fi hojii Yesuus Kiristoos gidduu jiru agarsiisa.
Ergaa guddaa
“Karaa Gooftaa qopheessaa.”
Karaa Gooftaa qopheessuun qalbii jijjiirrachuu, cubbuu irraa deebi'uu, Yesuus Kiristoositti amanuu fi jireenya keenya isaaf kennuu jechuu dha.
Maarqos 1:1–8 keessatti wantoonni ijoo sadii mul'atu:
Yesuus eenyu? — Ilma Waaqayyoo fi Kiristoos.
Yohaannis maal hojjeta? — Karaa Yesuusiif qopheessa.
Namni maal gochuu qaba? — Qalbii jijjiirrachuu fi gara Kiristoositti dhufuu. ( 9_45) itti fufna