Garee Qorannoo M.Q page

Garee Qorannoo M.Q page good is good

 . Macaafni Qulqulluun waa'ee Yesuus waan baay'ee dubbata. Isaan keessaa mee guyyaa har'aa mata duree armaan olii waliin...
16/01/2023

.

Macaafni Qulqulluun waa'ee Yesuus waan baay'ee dubbata. Isaan keessaa mee guyyaa har'aa mata duree armaan olii waliin haa qayyabannu.
✅ Yesuus kun isa wanti hundumtuu ittiin uumame uummaa dha. Inni angafa lubootaa qofa utuu hin taane angafa uumama maraati. Yesuus amala namummaa dhugaa fi amala Waaqummaa dhugaa akka qabu Macaafni Qulqulluun bareechee ragaa nuuf baha. Akkasumas qoratootni Ti'oloojii irratti walii galaniiru. Jechi angafa jedhu kun dursee kan jiru jechuudha. Macaafa kakuu moofaa keessatti luboota kan jedhaman sanyii Lewootaa keessaa warra dhalatanidha. Sanyii Aaron keessaa warra dhalatan jechuudha. Akka fooniitti yoo ilaalle Yesuus Aaroniif hin angafu. Garuu ilaalcha yaada hafuuraatti yeroo deebinu garuu Yesuus Abrahaam fi sanyii Lewootaa hunda ni dursa. Angafummaan lubummaa Yesuusis isa inni hafuuraan jiraachaa ture irratti hundaa'a malee isa inni Maariyaam durbarraa dhalate miti.
✅ Akkasumas angafummaan Yesuus ulfina inni abbaa isaa wajjiin wal qixa qabu irratti kan hundaa'u dha. Ulfinni Yesuus hanga bantii Waaqaati guddaadha. Eenyuyyuu isaan qixaachuu hin danda'u. Dhalli namaa hangam yoo of qulqulleesses qulqullummaan isaa hanga kan Yesuus mitii ruubii isaayyuu ga'uu hin danda'u. Yesuus durumaa kaasee Qulqulluu dha. Erga fooniin dhalatees Qulqulluu ta'ee dhalate malee of qulqulleessuuf jedhee wanti inni hojjette tokkoyyuu hin jiru.
✅ Angafni lubootaa kun cubbuutu irraa dhabame malee dhala namaa caalaatti qorameera. Qorama isarra ga'e keessatti garuu Waaqas namootas hin yakkine. Qoramee waan argeef warra dadhabbii garaa garaatiin qoramaniif in yaada.
✅ Yesuus angafa lubootaa isa gara laafessa dha. Gara laafummaan isaa namoota warra cubbuun Waaqayyo irraa isaan fageesse Waaqayyo wajjiin walitti araarse. Dadhabbii namootaa dhakna ofii isaatti baatee fannootti ol ba'e. Kun gara laafummaa isaa isa guddaa argisiisa. Luboonni durii cubbuu ofii isaanii fi cubbuu sabaa fuula waaqaatti dhi'eessaa turani. Kana jechuun ofiis hir'ina isaanii Waaqayyotti himachaa hir'ina sabaas Waaqayyotti himu jechuudha. Lubummaa namootaa fi lubummaa Yesuus gidduu adda addummaa guddaatu jira.
✅ Yesuus angafa lubootaa ta'uudhaaf mataa isaa ol ol hin qabanne. Inni caalaatti gadi of deebise Waaqayyo immoo guddisee ol ol isa qabe. Ibr 5:5
Yesuus gadi of deebisee Waaqayyotti waan of kennateef kadhanni isaa ni dhaga'ameef.
Gadi of deebisuun isaa akka inni aboomamu isa taasise.
✅ lubummaan Yesuus humna jireenya hin badne of keessaa qaba. Ibr 7:16, 21
Lubummaan namootaa kan bara baraa miti. Lubummaan Yesuus garuu bara baraan jiraata. Inni ofuma isaatiif jireenya qaba. Lubbummaan Yesuus dhaabbataa dha. Ibr 7:24 bara baraan araarsaa keenyadha.

Namni waajjira mootummaa keessaa fira isatti dhihaatu qabu Yooma inni waa gochuufii baatees achitti isa abdata. Ittiinis ni boona. Ijoolleen abbaan isaani ministeera biyyaa ta'an baay'ee gammachuu qabu.

Waw nuti mirga Waaqayyo abbaatii Yesuus isa mootii Waaqaaf lafaa ta'e, isa cubbuu tokkoyyuu hin qabne qabaachuu keenyaaf gammaduu qabna. Ameen.

Eebbifamaa.
Mata duree biraadhaan walitti deebina.

04/01/2023

Namni namummaa fooniitiin dhiphatu, nama cubbuutti of hin laannedha. Cubbuun namummaa foonii keessa jiraata. Namummaa fooniitiin erga cubbuu hojennee namummaan keenya inni hafuuraa kufaatiif saaxilamaadha. Addaamii fi Hewaan namummaa isaaniitiin cubbuu hojetani. Hafuuraan immoo kufani. Namummaa foonii cubbuurraa tiksuun hafuuraa fi lubbuu kunuunsuudha. Akka nama biqilaa dhaabee dallaa itti ijaaree, bishaan itti naqee eegumsa godheefii ija irraa argatuuti jechuudha.

      fi    .✅ Yesuus Qulqulluu fi Qajeelaadha. Kana jechuunn cubbuu tokkoyyuu hin qabu jechuudha. ☑ namootni immoo jall...
30/10/2022

fi .

✅ Yesuus Qulqulluu fi Qajeelaadha. Kana jechuunn cubbuu tokkoyyuu hin qabu jechuudha.
☑ namootni immoo jallootaa fi cubbuun jireenya isaanii keessa kan guutedha.
✅ Yesuus keessa hafuurri waaqummaa waaqayyoo bara baraan jiraata.
☑ namoota keessa hafuurri waaqayyoo bara baraan hin jiraatu. “Yommus Waaqayyo, "Namni akkuma foonicha isa uffate sanaa waan ta'eef, hafuurri koo yeroo hundumaa isa keessa hin jiraatin! Barri jireenya namaas waggaa dhibbaa fi digdama haa ta'u!" jedhe.”
— Uma. 6:3
✅ Yesuus wal quunnamtii saala dhiiraa fi dhalaa malee dhalate. Yeroo inni dhalates moototnii fi biyyi hundumtuu ni raafame.
☑ dhalli namaa garuu fedha dhiiraa fi dhalaa gidduutti uumamuun wal quunnamtii saalaatiin dhalate, dhalataa jiras...
✅ Yesuus jaalalaan guutuudha. Firaa fi diina isaa jaallata.
☑ dhalli namaa garuu jibbaan guutuudha. Diina isaa mitii fira isaayyuu garaa ittiin jaallatu hin qabu. Dhalli namaa fira seexanaati jechuun itti hin xaqatu. Sababni isaas waan seexanni hojetu hojeta waan ta'eef. Warri waan seexanni hojetu hin hojjenne garuu fira waaqayyoorra darbanii ilmaan waaqayyoo jedhamu.
✅ Yesuus warra dhukkubsatan ni fayyisa. Ni wal'aana, ni jiraachisa.
☑ dhalli namaa garuu isa fayyaa jiru ajjeesa, ni gidirsa, kun hojii diyaabiloosidha. Nama ajjeesuu kan jedhu karaa tokko qofa kan ilaalamu miti.fkn jibbi ajjeesuudha. Hinaaffaan ajjeesuudha. Dhalli namaa dhoksees haa ta'u mul'inattis boolla waliif qotaa oolee bula.
✅ Yesuus gara laafessaa fi garraamiidha. Garaa isaa guutuudhaan namaaf gadda. Utuu namni rakkatuu garaa itti jabaatee bira hin darbu.
☑ namni gara jabeessaa fi hamaadha. Lubbu qabeeyyii jiran keessaa kan akka namaa gara jabeessi hin jiru. Kanaafidha kan Yesuus namattii of eeggadhaa jedheef. Namuma namattii of eeggachiise. Kana jechuun nama keessa nama hamaa fi gara jabeessatu jira jechuudha. Tarii namootni gaariin 100% keessaa 20% tahuu malu jedheen tilmaama akka kootti.
✅ Yesuus namaaf du'e. Gatii guddaa baase. Gara biyya lafaa kan inni dhufeef namaaf du'uuf malee biyya lafaa kana irratti jireenya mijeeffatee jiraachuuf miti.
☑ namni garuu ofiif du'a. Walis ajjeesa. Gatii guddaas wal baasisa.

Walumaa galatti yaada koo yeroo gabaabsu Yesuus fi dhalaa namaa gidduu garaagarummaa samii fi lafa gidduu jiru caalaa gargar fagaata jedheen yaada.
warri kan Yesuus taatan karaa isaa waan hundumaa lakkaawattaniittu. Abaarsii fi gidiraan keenya isaan xumura argateera.

Yesuusitti haa jiraannu.🙏🙏🙏🙏

Akeeka waaqayyoo eenyutu karaatti hambisuu danda'a?
15/10/2022

Akeeka waaqayyoo eenyutu karaatti hambisuu danda'a?

 .Faarfannaan maali?Akkamitti ilaalamaa jira?Hubannaa nuti faarfannaa irratti qabnu maal fakkaata?Waldaan kiristihaanaa ...
20/09/2022

.
Faarfannaan maali?
Akkamitti ilaalamaa jira?
Hubannaa nuti faarfannaa irratti qabnu maal fakkaata?
Waldaan kiristihaanaa hoo akkamitti ilaalti?
Faarfatootni maal fakkaatu?
Jireenyi isaanii inni hafuuraa akkami?

Qabxiiwwan ani armaan olitti kaa'e kun hundumtuu barumsa of danda'aa mataa isaanii of jalatti qabu. Garuu mee yaadota jiran irra keessa isaa waan keessa koo jiru isiniif qooduun barbaada.

✅ . Anaaf faarfannaan iddoo guddaa qaba. Faarfannaa jechuun bifa walaloo fi yeedalootiin qindaa'ee qooqa waaqayyo namaaf kenneen kan ittiin waaqayyoon jajatanii fi maqaa waaqayyo ittiin ulfeessanidha. Waa'ee sagaleen bareeduu fi bareeduu dhiisuu miti. Sun hin barbaachisu jechuu koo miti. Garuu wanti ilaalamuu qabu faarfannaan faarfatamu sun ergaa akkamii qaba isa jedhutu ilaalamuu qaba. Macaafa qulqulluu keessaa namootni waaqayyoon faarfataa turan jiru. Sababa garaa garaa irratti faarfataa turani. Fkn Haannaan waaqayyo waan ishee gargaareef gargaaramuu isheef bifa weedduutiin faarfate. Gocha waaqayyoof jajachuu ishee agarsiisa. Daawit gocha waaqayyo isaa godheef faarfateera. Garuu diina koo akkana goote jedhee faarfachuun akka kootti sirrii miti jedheen amana
yeroo tokko faarfatamu ergaawwan baay'ee dabarsuu danda'a. Faarfannaan dubbii wangeelaatiin faarfatamu jechuu kooti.
Ergaa raajummaa
Ergaa lalabaa
Ergaa barsiisaa
Ergaa gorsaa
Ergaa akeekachiisaa
Ergaa tokkummaa
Ergaa mootummaa waaqaa ittiin lalabuu
Fi kanneen biroo of keessaa qaba. Faarfatootni akka nama raajii dubatuuti. Waan isaan bifa faarfannaatiin dhiheessan sagalee raajummaa dhugaa of keessaa qaba. Fuula isaanii duratti akka nama mul'ata arguuti. Faarfatoota ani baay'ee jaalladhuu fi faarfannaa isaanii keessatti sagaleewwaan armaan olii argu nan qaba. Waaqayyo isaan haa eebbisu. Faarfannaan lalaba ykn barsiisaa gaditti kan ilaalamuu miti. Garuu yeroo tokko tokko akkaataa itti faarfatootni dhiheessantu dogogora qabaachuu irraa kan ka'e gadi buufamee ilaalamuu mala. Wanti hafuuraan gegeeffamu wal hin caalu. Utuu faarfatamuu namootni in fayyu. Hafuurri hamaan iyyee baha.namootni hafuuraan gammadanii eebbifamu. Yeroo tokko tokko namootni kadhatan hafuura hamaa baasuuf baay'ee rakkatu. Namni hafuuraan geggeefamee faarfatu tokko salphumatti hafuura hamaa sana baasuu danda'a. Yeroo kiraara rukkutee faarfataa turetti 'ol irraa hafuurri hamaan fagaataa ture. Phaawuloosii fi Sillaas hafuuraan yeroo faarfatan hidhaatu isaan irraa hiikame. Balbala cufamaatu isaan irraa baname. Lafatu socho'e. Kanaaf hojii guddaa hojeta. Waanuna callifamee miiraan wal ho'isanii dhiisan miti.
Bara keenya har'aa kana jechuudhaan faarfannaan ergaa qabu bakka meeqatti cicitaa jira. Faarfannaa tokko buufata isaayyuu utuu sirriitti hin faarfatiin irra utaalanii lakkoofsa isa gidduu ykn isa dhunaa faarfatu. Kun immoo akka faarfannaan sun ergaa guutuu hin dabarsine godha. Worship jiraachuun rakkoo hin qabu garuu akkaataan itti faarfannaa qindeeffatanii amantootaaf dhiheessan bifa qindoomina gaarii fi ergaa guutuu dabarsu Yoo tahe gaariidha. Faarfannaan lalbduu lalabdootaa jedhama. Kana jechuun ergaa baay'ee of keessaa kan qabu jechuudha.
Dhaamsa ani qabu waldaan kiriftihaanaa IJA oggummaatiin waan tahu hundumaa ilaaltee akka waaqayyotti tolutti, irratti hojechuu qabdi kan jedhudha.

Eebbifamaa. Yeroo biraa walitti deebina.

Address

Cairo

Telephone

+201126809995

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Garee Qorannoo M.Q page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Place Of Worship

Send a message to Garee Qorannoo M.Q page:

Share