Pastor Damesa Abara page

Pastor Damesa Abara page MAADDII JIREENYAA

HAARA'AA ADEEMNA!➡Isa itti amannetu moofa'uu hin beeku.➡Akka Joobiraa yeroo yerootti waan haarofnuuf hin dulloomnu.➡Ol k...
19/08/2026

HAARA'AA ADEEMNA!
➡Isa itti amannetu moofa'uu hin beeku.
➡Akka Joobiraa yeroo yerootti waan haarofnuuf hin dulloomnu.
➡Ol ka'insi keenyaaf saffisni keenya ni dabala.
Isa. 40
²⁹ inni warra dadhabaniif humna in kenna, warra aangoo hin qabneefis jabina in kenna;
³⁰ ijoollonni in dadhabu, in mudhukus, dargaggoonnis gufatanii in kufu;
³¹ warri Waaqayyoon abdiidhaan eeggatan garuu humni isaanii in haareffama; akka joobiraas baalleedhaan ol in ka'u; in fiigu, garuu hin dadhaban, in adeemu, garuu hin mudhukan.

NAN FAARSAA MAQAAQEE ULFINAAN OL KAASEE FAAJJII MOOYICHAA KOO....SIICHIS HIN SODAADHUU TABBA FUULDURA KOO ITTI EJJEDHEEN...
16/08/2026

NAN FAARSAA MAQAAQEE ULFINAAN OL KAASEE FAAJJII MOOYICHAA KOO....
SIICHIS HIN SODAADHUU TABBA FUULDURA KOO ITTI EJJEDHEEN DARBAA!

08/08/2026

GADDI KEESSAN GAMMACHUUTTI GEEDDARAMA!
➡Gaafa inni tokko gammadu tokko hin gadda, gaafa tokko boo'u tokko ni kolfa.
➡Addunyaan kun buburree dha.
➡Garuu inni miijana dhugaa of harkaa qabu Yesuus ilmi Waaqayyoo gadda gammachuutti, boo'icha kolfatti geeddaruuf jira.
➡Jajjabeessaan keenya Hafuur Qulqulluudha.
Yoh. 16
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
²⁰ Dhuguma, dhuguman isiniin jedha; isin in boossu in wawwaattus; biyyi lafaa garuu in gammada; isin in gadditu, gaddi keessan garuu gammachuutti in geddarama.
²¹ Dubartiin ciniinsifattu yeroon ishee waan ga'eef in gadditi; mucaa erga deessee garuu, namni biyya lafaatti waan dhalateef, gammachuu irraa kan ka'e rakkina ishee sana hin yaadattu.
²² Akkasuma isinis amma gadda qabdu; garuu ani deebi'ee isin nan arga, garaan keessanis in gammada, gammachuu keessanis eenyu illee isin duraa hin fudhatu.

07/08/2026

WAAQAYYO LOLAA DHA; MAQAANSAAS WAAQAYYO DHA!

BARA RAKKINAA FI RAAFAMA.➡Barri rakkinaa hin dhufa ni darba.➡Barri rakkinaa dheerachuus gabaabbachuus ni danda'a.➡ Bara ...
01/08/2026

BARA RAKKINAA FI RAAFAMA.
➡Barri rakkinaa hin dhufa ni darba.
➡Barri rakkinaa dheerachuus gabaabbachuus ni danda'a.
➡ Bara rakkinaa kan namaarraa dabarsee bara ulfinaa fidu Waaqayyodha.
❖Barittiin hamma darbitutti waan irraa of eeggachuu qabdu:-
➧Icciitii kee bakkee hin baasiin! gaafa yaadatamtu ittiin si hamatu.
➧ Nama si tuffatuu fi sin jaalannetti kooluu hin galiin! akka ati bor nama hin taanetti boquu si cabsa.
➧ Jechoota hamilee kee nyaatan hin dubbatiin hin dhaggeeffatiinis. isumaan bor madaalamtaati.
➧ Nama si caalu waliin malee nama sii gadii fi nama gita kee waliin hin ooliin. waan si fayyadu argattee waan si miidhu immoo baqachuuf.
➧Ni rakkatte malee Eenyummaan kee fi dandeettiin kee isarra akka caalu beeki!
🔷 Yoo raafamte:-
➤Obsitee bara dabarfachuurra ofii kee ykn waan gaarii baay'ee balleessita.
➤Dhaabbattee waa yaaduun sitti hir'ata.
➤ kallattii sirrii gadhiista.
✔ Kanaafuu Galateeffachaa, Waaqayyoon amanachaa, abdii dubbachaa adeemi.
✔Humni kee ni jabaata cimii dhabadhu!

“Ati bara rakkinaatti yoo raafamte, humni kee muraasa.”
— Fak. 24:10

DHIMMA OFII ISATTI LAATTANNAAN KAN AKKA WAAQAYYOO BAREECHEE HOJJETU HIN JIRU.❖Kanaafuu:➡Yaaddoo kee isatti gati.➡ Isumat...
19/07/2026

DHIMMA OFII ISATTI LAATTANNAAN KAN AKKA WAAQAYYOO BAREECHEE HOJJETU HIN JIRU.
❖Kanaafuu:
➡Yaaddoo kee isatti gati.
➡ Isumatti dhiisi.
➡Akka Waaqayyo si gargaaru amani dhubbadhus.
➡Erga isatti laattee deebitee hin gaddiin.
“Wanta yaaddoo sitti ta'u Waaqayyotti gatii dhiisi, inni akka ati hin kufnetti si irkisa! Namni qajeelaan raawwatee akka hin mittiqne in godha.”
— Far. 55:22

ISA FUULDURAAF KUN TARKAANFII DHA.➡"JABINA GOOFTAAN NAAF KENNUUN WAAN HUNDUMAA GOCHUU NAN DANDA'A." Fil. 4:13
11/07/2026

ISA FUULDURAAF KUN TARKAANFII DHA.
➡"JABINA GOOFTAAN NAAF KENNUUN WAAN HUNDUMAA GOCHUU NAN DANDA'A." Fil. 4:13

WAAQAYYO GOOFTAAN JABINA KOOTI.➡Isa na gargaaree kanaan na ga'eef galata.Anb. 3¹⁸ ani Waaqayyotti nan ililcha, Waaqayyo ...
11/07/2026

WAAQAYYO GOOFTAAN JABINA KOOTI.
➡Isa na gargaaree kanaan na ga'eef galata.
Anb. 3
¹⁸ ani Waaqayyotti nan ililcha, Waaqayyo isa na fayyisutti nan gammada;
¹⁹ Waaqayyo gooftaan jabina koo ti, inni akka borofaa collee akkan ta'u in godha, iddoo ol ka'aa irras ana in dhaabachiisa. (Geggeessituu warra faarfatootaaf; mi'a isa ribuu qabuun kan faarfatamu.)

02/07/2026

EEBBA IRRAA HIN DARBINE.
WAAQAYYO isin haa eebbisu, isin haa eegu, WAAQAYYO fuula isaa isiniif haa ibsu, isinitti haa araaramu!
WAAQAYYO fuula isaa gara keessanitti haa deebisu, nagaas isiniif haa kennu!"
Lakk. 6:24-26
"The LORD bless you and keep you; The LORD make His face shine upon you; And be gracious to you, The LORD lift up His countenance upon you, and give you peace."
Numbers 6:24-26

Adresse

Ambo
1000

Site Web

Notifications

Soyez le premier à savoir et laissez-nous vous envoyer un courriel lorsque Pastor Damesa Abara page publie des nouvelles et des promotions. Votre adresse e-mail ne sera pas utilisée à d'autres fins, et vous pouvez vous désabonner à tout moment.

Raccourcis

Partager