Pastor Lola Mergo/Eagle Tv Eth

Pastor Lola Mergo/Eagle Tv Eth እርሱ ሊልቅ እኔ ግን ላንስ ይገባል።

“You have one business on earth – to save souls.”

Guyyaa WaaqayyooYesus ammas of keessatti dhiphatee, gara awwaalichaa dhaqe. Awwaalichi holqa dhagaa ti; holqichis dhagaa...
25/05/2026

Guyyaa Waaqayyoo
Yesus ammas of keessatti dhiphatee, gara awwaalichaa dhaqe. Awwaalichi holqa dhagaa ti; holqichis dhagaadhaan cufamee ture. Yommus Yesus, “Dhagicha ittii fuudhaa!” jedhe; Maartaan obboleettiin isa du'e immoo, “Gooftaa, yoona foolii godhateera, erga awwaalamee har'a guyyaa afuraffaa isaa ti” ittiin jette. Kana irratti Yesus, “Yoo amante ulfina Waaqayyoo akka argitu, ani sitti hin himnee ree?” isheedhaan jedhe. Kana booddee isaan dhagicha awwaalichattii fuudhan; Yesus garuu ol ilaalee, “Yaa abbaa! Anaaf dhaga'uu keetiif sin galateeffadha. Akka ati yeroo hundumaa anaaf dhageessu, ani beekeera, garuu namoonni as dhaabatan kun, akka ati ana ergite haa amananiifan kana dubbadhe” jedhe. Kana jedhee sagalee guddaadhaan, “Alaazaar as ba'i!” jedhee waame. Kanaaf namichi du'ee ture sun awwaalicha keessaa gad ba'e; miilla isaa lamaanii fi harka isaa lamaanitti wayyaan hidhamee, fuula isaattis uffanni maramee ture. Yesus, “Irraa hiikaatii gad dhiisaa! Haa dhaqu!” jedhee isaan abboome.
Yohannis 11:38-44

Lubbuun koo gab jettee Waaqayyoon duwwaa in eeggatti, gargaarsi koo isa biraa in dhufa. inni kophaa isaa kattaa koo, gar...
23/05/2026

Lubbuun koo gab jettee Waaqayyoon duwwaa in eeggatti,
gargaarsi koo isa biraa in dhufa.
inni kophaa isaa kattaa koo,
gargaarsa koo, da'oo koo tis,
egaa ani guddisee iddoo kootii hin mittiqu!
Hamma yoomiitti nama tokko loluudhaaf itti fiigdu ree?
Hamma yoomiittis isin hundumti keessan,
akka keenyan duufeetti,
akka dallaa sekera'ee raafamuuttis,
isa lafaan dha'uu yaaddu ree?
Isaan iddoo isaa isa ulfinaatii,
gad isa darbachuu duwwaa in akeekkatu;
wanti sobaa isaanitti in tola,
afaan isaaniitiin in eebbisu,
keessa garaa isaaniitiin garuu in abaaru.
Lubbuun koo gab jettee Waaqayyoon duwwaa in eeggatti,
abdii koo isa irra nan kaa'adha.
Inni kophaa isaa kattaa koo, gargaarsa koo, da'oo koo tis,
egaa ani iddoo kootii hin mittiqu!
Waa'een oolfamuu kootii fi ulfina kootii,
Waaqayyo harka jira;
kattaan koo inni aango-qabeessi,
iddoon ani kooluu itti galus Waaqayyo bira jira.
Faarfannaa 62:1-7

21/05/2026

Sagantaalee Torbanii:Dilbata Ganama 3:00 - 7:00 Yeroo Barsiisa Sagalee Waaqayyoo, Yroo Waaqeffannaa fi Kadhataa; Dilbata Waaree Booda 11:00 - 1:30 Yeroo Lallabaa, Waaqeffaannaa fi Kadhannaati, Roobii ganama Yeroo Soomaaf Kadhataa, Roobii Galgala 11:00 - 1:30 Sagantaa afaan amaariffaa, Jimaata Guyyaa Guutuu Saganaa Fayyinaa(Healing)

Bor Guyyaa Guutuu
21/05/2026

Bor Guyyaa Guutuu

 ”“እግዚአብሔር ስለ እናንተ ይዋጋል፥ እናንተም ዝም ትላላችሁ።”  ዘጸአት 14:14መግቢያ👉በሕይወታችን ብዙ ጊዜ ጦርነት ውስጥ እንዳለን እንሰማለን። አንዳንድ ጦርነቶች የሰው ናቸው፣🌼የቤተሰ...
21/05/2026



“እግዚአብሔር ስለ እናንተ ይዋጋል፥ እናንተም ዝም ትላላችሁ።” ዘጸአት 14:14
መግቢያ
👉በሕይወታችን ብዙ ጊዜ ጦርነት ውስጥ እንዳለን እንሰማለን።
አንዳንድ ጦርነቶች የሰው ናቸው፣
🌼የቤተሰብ ችግር
🌼 የኢኮኖሚ ጫና
🌼የጤና ፈተና
🌼የሥራ ችግር
🌼የመንፈሳዊ ጥቃት
🌼የሐሜትና የጠላት ተቃውሞ
እስራኤላውያን በቀይ ባሕር ፊት ቆመው ከፊት ባሕር፣ ከኋላ ፈርዖን ሠራዊት በኩል ተከበው ነበር። ሰው በሚያልቅበት ቦታ እግዚአብሔር ይጀምራል።
1. እግዚአብሔር ለሕዝቡ ይዋጋል
1 Samuel 17
ዳዊት በጦር መሣሪያ አልታመነም፤ በእግዚአብሔር ታመነ።
“ሰልፉ የእግዚአብሔር ነው።” 1 ሳሙኤል 17:47
ጎልያድ ትልቅ ነበር፣ ግን በእግዚአብሔር ፊት ትንሽ ነበር።
👉ችግርህ ትልቅ ሊሆን ይችላል
👉ጠላትህ ኃይለኛ ሊመስል ይችላል
👉ነገር ግን እግዚአብሔር ከሁሉ ይበልጣል

እግዚአብሔር ስለ አንተ ይዋጋል
እግዚአብሔር ስለ አንች ይዋጋል
እግዚአብሔር ስለ እኛ ይዋጋል

20/05/2026
 .    !  :Dubbisaa ammas dargaggootaa fi namoota yaada kana qaban qaqqabsiisa. Hundumtuu dhaloota kana oolchuuf waan dan...
19/05/2026

. !
:
Dubbisaa ammas dargaggootaa fi namoota yaada kana qaban qaqqabsiisa. Hundumtuu dhaloota kana oolchuuf waan dandeenyu haa gummachinnu. Kan dura gahee waldaa Kiristaanaa barreesse ture.
Akka tajaajilaa Waaqayyoo tokkootti dargaggoota hundaaf Ergaa ijoo tokko dubbachuun barbaada: jireenyi keessan gatii guddaa qaba. Waaqayyo kaayyoo , sagantaa , akeekaa fi galmaa guddaadhaaf isin uume. Isiin qabeenya Waaqayyooti! abdii biyyaati! Abboota Mul’ataa ti, Abboota amantaa ti , Abboota qabeenya ti, Abboota Siyaasaa ti ! Ambassador nagaati! Hojii qabdu!
Dhugaa kana beeku qabdu. Innis Rakkoon yeroo muraasaaf Jireenya keenya irraati ta’uu danda’a; garuu jireenyi keessan fuula Waaqayyooti Maaliin iyyuu iddoo kan hin buufamne ulfina qaba. Rakkoon barabaraa Nama Waliin jiraatu hin jiru! Waan hundumtuu yeroo qaba. Namni nagaa fi fayyaa qabu waan Hundumaa ni qaqqaaba!
Kanaaf , Rakkoo yeroof jettanni Of ajjeesuun furmaata miti. Yeroo seexanni kana gara sammuu keessanni fidu mee kana tasgabbiidhaan yaada : Waaqayyoo akka isiin jaallatu, Haala kana keessa akka isiin baasuu, Namoonni isin jaallatan, isin barbaadan fi isin abdatan akka jiran. Guyyaa kun darbe akka bu’aa buuftan! Akka gammaddaan! Rakkoo keessaan akka dagatan yaadadha. Hundumaa caalaatti immoo yoo waan namni hundi isin dagate isiinitti fakkaatuttillee Waaqayyo isin hin daganne. Isiin hin dagatus! Of Ajjeesuun yaada seexanaati;Namni of Ajjeesuu Mootummaa waaqayyootti hin galu!
Waa lama miidhamuun gaarii miti. Jireenya asiis Harka ofiin gabsiisanii, adaba harka Waaqayyoo fudhachuun gaarii miti. Namni wanuma facaase galfata! Waaqayyo isiin haa eegu!

Har’a dargaggoonni hedduun sababa garaagaraatiin of ajjeesaa jiru. Ani Akkan hubadheetti Rakkoo isaanii keessaa muraasni jechuun:
- hojii dhabdummaa,
- Maallaqaa dhabuu,
- mufannaa jireenyaa,
- walitti bu’iinsa maatii,
- dhiphina sammuu,
- jaalala keessatti kufuu ,
- hojii irraa abdii kutachuu,
- Jireeny miidiyaa hawaasaa irraa wal bira qabuu,
- kophaa ta’uu,
- Suusii/ Araadaa adda adda
- fi abdii dhabuu dha.
Fuulli namoota hedduu yeroo baay’ee waan gammaddaan yookaan kolfaan fakkaata; garuu keessaa isaanii keessatti boo’icha, madaa fi dhiphina guddaa keessaa jiru. Haalli Kun rakkoo guddaa dhaloota keenya mudate keessaa isa tokko ta’eera. Jireenyi soba fi fakkeessaa dhaloota koo kana dhaluun isa baay’ee na gaddiisiisa!


Ilaamee Dhaloota koo, qofa keessaan callistanii keessaa keessaan keessatti hin dhiphatinaa. Rakkoon Hundumaa qofa hin furaan. Naannoo keessaan Qalbiitti deebi’a ilaala.Nama isiiniif amanamuu/tuu ta’e/tte tokko deema dubbisaa yookaan bilbilan Waliin dubbaadha. Gargaarsa gaafadhaa. Gorsa gaafadhaa! Kadhannaa gaafadhaa! Yoo isiin barbaachise boo’aa miiraa keessan tasgabeessaa ; garuu of hin balleessinaa. Rakkoon yeroo tokkoo Jireenya keessaan keessaatti isiinitti dhufu fuuldura keessanii guutuu balleessuu hin danda’u. Kana yaaduun baay’ee barbaachiisadha
Namoonni har’a milkaa’an hedduun isaanii Jireenya keessaatti yeroo tokko ykn yeroo lama dhiphina, mufannaa fi abdii kutannaa keessa darbaniiru; garuu jiraachuu filatanii injifatan. Atis Kanuma godhi! Adeemsa keessaan hin gabaabsina!

Dargaggoonni of jaallachuu barachuu qabu. Jireenya keessan nama biraa wajjin miidiyaa hawaasaa irratti hin madaalinaa. Gatiin keessan qarshii, bareedina, beekamtii ykn qabxii barnootaa qofaan hin murtaa’u. Of kabajaa. Fayyaa sammuu keessan eegaa. Hiriyoota gadhee ykn badoo irraa fagaadhaa; namoota isin jajjabeessanii fi isin ijaaran wajjin jiraadhaa. Kadhannaa, amantii, yaada gaarii fi hariiroo fayyaa qabutti cichaa. Fuuldurri keessan Jireenya har’a isin dhiphisu caalaa guddaa dha.


Maatiin illee itti gaafatamummaa guddaa qaba. Warri ijoollee isaanii jaalalaan dhaggeeffachuu qabu. Waldoonni Kiristaanaa bakka dargaggoonni itti sodaa malee dubbatan ta’uu qabu. Manneen barnootaa, mootummaa, ogeeyyiin gorsaa fi hawaasni hundi waa’ee fayyaa sammuu irratti hojii guddaa hojjechuu qabu. Namoota dhiphatan irratti qoosuun dhaabamuu qaba; bakka isaa jaalala, hubannoo fi gargaarsa kennuun barbaachisaa dha.

dhimma Dargaggoo hundaaf
Qaamolee hundaaf waa dubbachuu barbaada — waldoota Kiristaanaa , mootummaa, manneen barnootaa, miidiyaa fi maatiin dargaggoonni keenya hojii, qajeelfama, gorsa, deeggarsa miiraa fi abdii barbaadu. Dhaloota kana abdii kutannaa irraa baraaruuf waliin dhaabachuu qabna.

Dhumarratti dargaggoota hundaaf: of irratti abdii hin kutatinaa. Seenaan keessan hin dhumne. Waaqayyo kaayyoo, kabajaa fi tajaajila guddaadhaaf isin uume. Dukkanni yeroo hundumaa Jireenya namaa keessa hin turu. Abdii ni jira. Fayyuun ni jira. Boru gaariin ni dhufa. Jireenya filadhaa, abdii filadhaa, gara fuulduraattis tarkaanfachuu itti fufaa.
Deemsi itti fufa

Eebbifamaa
Via:Lammiisaaf Kabbadee (Luba)

 'ICHAA GARA MO'ICHAA!Barreessaan:L/W Mitikkuu Olaanii👉DORGOMMEE KEESSATTI WAANTI OBSA NU BARBAACHISU MAALI?Miidhamuu, D...
18/05/2026

'ICHAA GARA MO'ICHAA!
Barreessaan:L/W Mitikkuu Olaanii
👉DORGOMMEE KEESSATTI WAANTI OBSA NU BARBAACHISU MAALI?
Miidhamuu, Dadhabuu, Kufuu, Cabuu, Dhiibamuu, Arrabsamuu, Darbamuu, Ija gadheedhaan
ilaalamuu, Jibbamuuf k.k.f. tu jiru.
Kanaaf obsa guddaa hagana hin jedhamnetu nubarbaachisa.
👉JIREENYA KRISTIYAANUMMAA KEESSA ADEEMSA GUDDINAA LAMATU JIRU.
Isaanis:- 1.Jijjiirama hafuuraa
2.Kristoosiin fakkaachuu
Jijjiiramni hafuuraa adeemsa yoo ta’u, kristoosiin fakkaachuun immoo bu'aadha. Galmi jijjiirama
hafuuraa immoo kristoosiin fakkaachuudha.
4.10. Adeemsa Kristoosiin Fakkaachuudhaaf Goonu Keessatti Gargaarsa Hafuura Qulqulluu
Hafuurri qulqulluun namummaa keenya isa foonii ajjeesuudhaan nugargaara. Rom 8:5-13

 !Warri wal dorgoman hundinuu yoo fiigan iyyuu, kan dura darbee kennaa argatu garuu, tokkicha akka ta'e hin beektanii re...
18/05/2026

!

Warri wal dorgoman hundinuu yoo fiigan iyyuu, kan dura darbee kennaa argatu garuu, tokkicha akka ta'e hin beektanii ree? Isinis akkasuma kennaa sana akka argattaniif fiigaa! Namni dorgeedhaaf qophaa'u, waan eeggachuu isa barbaachisu hundumaa irraa of in eeggata. Warri wal dorgoman gonfoo baala irraa hojjetame, isa coollagee badu argachuudhaaf kana godhu; nuyi garuu isa hin badne argachuudhaaf in dhamaana.
1 Qorontos 9:24-25

Adresse

Dhaddacha Araaraa
Adama

Notifications

Soyez le premier à savoir et laissez-nous vous envoyer un courriel lorsque Pastor Lola Mergo/Eagle Tv Eth publie des nouvelles et des promotions. Votre adresse e-mail ne sera pas utilisée à d'autres fins, et vous pouvez vous désabonner à tout moment.

Contacter Le Lieu De Culte

Envoyer un message à Pastor Lola Mergo/Eagle Tv Eth:

Partager