20/08/2026
1 Yesus itti fufee bartoota isaatiin, “Garaan keessan hin raafamin, Waaqayyotti amanaa, anattis amanaa *! 2 Mana abbaa koo keessa iddoon jireenyaa baay'eetu jira; utuu inni hin jiru ta'ee, isinitti nan himan ture; iddoo jiru sana isiniif qopheessuudhaaf nan adeema *. 3 Yommuun dhaqee iddoo sana isiniif qopheessus, iddoodhuma ani jiru isinis akka jiraattaniif, deebi'ee dhufeetan gara ofii kootiitti isin fudhadha *. 4 Lafa ani dhaqu, karicha achi geessus in beektu” jedhe. 5 Toomaas immoo, “Yaa gooftaa, eessa akka ati dhaqxu hin beeknu, karicha immoo attamitti beekuu dandeenya?” jedheen. 6 Yesus deebisee, “Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu *. 7 Ana beektanii utuu jiraattanii, abbaa koos in beektu turtan; ammaa jalqabdanii isa in beektu, isa argitaniittus” jedheen*.
Yoh, 14-1:7
Nagan Waaqayyoo isinif haa ta’u.
kun Waldaa W/W/A/K UAE dha.
Bakki sagantaa Keenya itti geggeeffamu
📍 Ajman falcon Tower
block B1 floor 301
Sa'atii
🕰 4:00pm-7:00pm ( Sanbata guddaa galgala)
Yookiin Linkii kana tuqaa 🗺
📍Location 👇👇📌📌
https://maps.app.goo.gl/XL8ddk8qgMLrn8Zq8
Ebbifamaa 🙏
W/W/W/A/k Afaan Oromoo UAE